ABEEBEE TUFAA ARADDOO EEKKAA

Biyyi Itiyoophiyaa jedhamtu kun fedhiimoo?
dogoggoraan ijaaramtee?

ABEEBEE TUFAA ARADDOO EEKKAA Gosti Oromoo warra Tuulamaa Ilmaan EEKAA (Yeekkaa) har’aa deebbii seenaa qabu.

Horri Finfinnee horiin yoo dhugan ni furdisa ture Kun hafeeti Xaayituu Buxul haati warraa Miniliik Miilli furdannaan qal’iseef….Seenaan Abeebee Tufaa deebbii qaba…….

Tufaa Araddoo Gosa Oromoo Tuulamaa keessaa kan warra EEKAA ti.
Bulchiinsi lafti isaan bulchaa turanis Tulluu Ererii asi hanga daangaa warra Manzee gara Ankoobarriitti achi. Garanaan Tufaa Munaa warra Salaalee fi warra Gullallee waliin akka wal daangeessanidha odeeffannoon seenaa akkaa himuuttii.

Hora Finfinnee Oromoonni Ilmaan Tuulamaa horii obaafatan qabiyyee warra EEKAA jala akka turedha.
Deemsa keessas Tufaa Araddoo hora Finfinnee kanarratti ajajaa turaniiru. Namoonni hora kana obaafatan horii dhibbatti horii tokko gibira Tufaa Araddoof kaffalaa turan.

Tufaa Araddoo diinni karaa warra Manzee seenee lafa diriiraa Finfirraa kaasee hanga Dabre Siinaatti jiru akka hin fudhanneef waraanaa turaniiru.Karaa warra Manzee kan jiran warra Ankoobarrii warra Miniilik faati.
Akka obbo Tadilaa Odaa Tufaa Araddoo himanitti Tufaa Araddoo loltoota hedduu qabu waan turaniif hedduu sodaatamu.

Miniliik gaafa mana hidhaa Atse Tewoodiroos Gondorirraa badee dhufe Tufaa Araddoo akka isa dhoksuuf jaarsummaa ergatee kadhachaa akka turedha. Haaluma kanaanis gamnoomaan haa ta’u baqaan waliin isaa kan hin beekamne gaara Inxooxxorra qubachiifamaniiru.Yeroo sana lubbuu baafannaafidha.

Tufaa Munaa fi Tufaa Araddoo darbee darbee hora Finfinnee kanarratti wal lolaa akka turanidha seenaa ni himaa.Basaastonni yeroo sana turan gidduu Tufaa Munaattii fi Tufaa Araddootti shaakkii uumaniiru qabu dhimma qubannaa Miniliik irratti.Innis Miniliik looltuu fi qawwee qabateeti na dhooksaa jedhee koolu galtummaa kan gaafate.Warra gidduu obboloota lamaanii(Tufaa Munaa fi Araddoo) deemani immoo Tufaa Munaatti akka Tufaa Araddoo Miniliikiif eeyyamee as dabarseetti itti himu.Tufaa Araddoottimmoo akka Tufaa Munaa dhaqee fideetti itti himu.Shakkii kanaan Osoo jiranii Tufaa Munaa Farda waraanaa akka Miniliikiif kenneetti Tufaa Araddootti himama.Kanaaf atimmoo Ilma Lee tokko naaf ergii ani maseena Mucaa hin qabu nan guddifadha jettee Xaayituu Buxul jaarsummaa ergatteetti Tufaa Araddootti.Innis arii Tufaa Munàa ilmasaa Abeebee Tufaatiin kenneef.

Abeebee Tufaas dhaqee kiristinnaa ka’ee maatiisaas kiristinnaa akka kaasiseerudha.
Akka Obbo Tadilaa Odaa Tufaa fi Obbo Zooduu Maammoo Abeebee Tufaa nuuf himanitti; Miniliik sodaa Tewoodiroos Gondorii dhufee na qabataa qabuun darbee gara Olonkomiitti dhokateera Xaayituu Gaara inxooxxoorratti dhiisee.Xaayituu lukni (miilli) ishee ni dhiita’a ykn nii itawee ture.Kanaaf bishaan ho’aa hora Finfinneetti yoo dhiqatte akka fayyitu itti himamnaan Abeebee Tufaa gara Tufaa Araddootti jaarsummaa ergameera bishaan hora Finfinnee eeyyamsiisu.Silaa abbaan ilma didaaree?

akka deemtee dhiqattu eeyyamameef.Hubaadhaa yeroo kanatti Miniliik Inxooxxoo hin jiru.Deddebitee yommuu dhiqattus miilli ishee fooyya’aa akka dhufedha.

Ergaa Xaayituu isa lammaffaa gara Tufaa Araddootti karaa ilmasaa Abeebee Tufaa;”Miillikoollee baay’ee naaf fooyya’eera xabala baay’ee eebbifamaadha.garuu guyyaa guyyaan gara inxooxxoorraa gara hora Finfinneetti marmaarsi naaf gamee hangan fayyutti bakkuman bulu adaraa gadi siiqeen godoo buufaadha ” jettee eeyyama gaafatattee eeyyamameef.Gadi siiqxee mooraa amma Yuunivarsiitiin irra jirurratti godoo ykn gojoo buufattee deddeebitee dhiqachaa ture.Gaaf tokko Miniliik Olonkomii bakka dhokatee ture gara niitiisaa gaafa dhufu isheen bakka duraan qubachiifamaniiru dhiistee gadi buute isa eegde.”Xaayituun eessa deemtee jedhee gaafannaan kuunnoo goojos kanatti galteetti jedhanii gojooshee itti agariisan.Innis kunimmaa waan gariidhaa jedhe. Isheenis abbaboo nannoo saana laltee Addis Ababa jeteen” kanarraan kan ka’e Maqaan Finfinnee jijjiirameedha.

http://Gadaamarket.com

https://najumarketing.com/seenaa-oromoo-sirna-sochii-fi-hawaasummaa/


Discover more from Book Store

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Shopping Cart