“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama,Osoo si deessee haatee marraa lama

“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama,
Osoo si deessee haatee marraa lama” …

Bada Bakar Waaree yaa Lolli Calanqoo lolaa ittisa imala gabroomfattoota nafxanyaa ture. Lolli kun Amajjii 6 bara 1887 humna Minilikiin hogganamuufi ummata Oromoo, Oromiyaa bahaa jiraatan kanneen gooticha Bakar Waaree tiin hogganamu giddutti taasifame. Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka Laga Mixee jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa tan Raabaa fi Doorii Bareentummaa Addeellee maadheftattee Fugug bulchitu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug tan teessuma man-bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa,Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii addaa durummaadhaan murtii (hoggansa) kennaa kan ture.

Gootichi kun nama cimaa gootummaa, hayyummaa fi dandeettii hoggansaa jalqabummaan horatee ture. Gootichi kun seenaa fi faaruu Oromoo keessatti bakakyyuutti faarfamaa jira. Fakkeenyaaf, warrii dubartootaa (haawwan) eenyummaa gooticha kanaa ibsuudhaaf helle keessatti akkas jedhanii faarsan:-

“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama,
Osoo si deessee haatee marraa lama” …
Warrii dhiirootaa immo dhiichisa keessatti akkas jechuun faarsan:-

“Innaawaa gamnummaa dubbiin jalan galtuu,
Yoo arjummaa taatees dhaabbee biraan galtuu,
Gootummaan duranii roorroon ittiin galtuu,
Bakariin tuttuqaan killee dhagaan loltuu”
Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ilmaan ykn ijoolleen Qalloo afran /afran Qallo/ jachuuniis(Daga, Oborraa, Baabbile, Ala) fi ijoolLeen Anniyaa sadachaa fi kodheellee lola weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana saba Oromoo(murti guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isaan hogganu akka Bakar Waaree tahu filatan.

Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoo irraa mooraa fugugitti isaan geesse booda ture. Fillannoo kana irrattiis sooreeyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman yammuu tahu isaaniis Anniiyya irraa Hargaaya, Afran Qalloo irra, Wedaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yommuu tahu kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii(amiira adaree) waliin tahanii haala walii gala waraana kanaa akka hogganan gaafatan.Tahuus Amiirtichi tole hin jenne. Sababniis yeroo sanatti Amiirtichi Abbaa isaa Kan deeggarsa oromoo qabu mootummaa Gibxii waliin angoo irraa fonqolchee gara angooti dhufuun isaa yeroo xiqqoo waan taheef haala waliigala waraana sanii hogganuu hin dandeenye.

Adeemsa qophii leenjii waraanaatiin wal qabatee gareen waraanaa ykn loltootni weerartoota nafxanyootaa kanan loluuf qophaa’aniis bakka sadiitti qodamu. Isaaniis:-
=> Gareen tokkoffaan Garee murtii guutoo jedhamu yammuu tahu gareen kun akkuma maqaa isaarraa hubannutti garee isaa ol’aanaafi hanga murtiin isaanii guutamuufittii humna diinaa dura dhaabbachuun kan falmatu jechuu dha. Garee kanaafiis leenjiin kennamu baayyee cima jedhamee himama fkn waraanaa(eeboo) fi gaachena qabatanii farda yaabbatanii arihuudhaan osoo fardii fiigaa jiruu farda garaajala naannahuudhaan hiddii lafaa akka kaasan gochaa leenjiin kennamaafi jedhama.
Hogganaan waraana murtii guutoo Bakar Waareetiis leenjii garee kanaa waliin akka fudhate himama. Iddoon leenjiin itti kennamaafii turees Aanaa gurawaa raada yaayyaa bakka gambeella jedhaamutti fi fiinxee gara mul’ataa bakka dabbaal mootii gaaraa jedhamtutti nama maqaan isaa lallabaa lihoo jedhamuun akka leenjiifaman himama.

=> Lammaffaan, garee Raaree jedhamtu yammuu tahu gareen tuniis akkuma garee murtii guutootti tan fardaan leenjite taatullee leenjiin garee kanaa kennamu akka leenjii garee murtii guutootiif kennamuttii cimaadhaa miti jedhama. gareen kuniis leenjii iddoon itti fudhate Aanaa Gurawaa naannoo rakkoo barzaalaa bakka raaree
jedhamtuttii yammuu tahu leenjiisaan garee tanaatiis Riyyaa jedhamuun beekkama.

http://Gadaamarket.com

https://s.click.aliexpress.com/e/_EHAPllg


Discover more from Book Store

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Shopping Cart