
Dhugaa dhoksee of muldhisuurra of dhoksee dhugaa muldhisuu filadheen jiraachaa jira’- Artist Keekiyyaa
Dhugaa dhoksee of muldhisuurra of dhoksee dhugaa muldhisuu filadheen jiraachaa jira’- Artist Keekiyyaa
July 3, 2025
Daataa qusachuuf barreeffama qofa dubbisi
”Waan siif hin taanerraa abdii muri. Wanti sun mijataa miti bakka nuti yaadne sana hin jiru,” ergaa jedhu dabarsuufan ‘Dhayi jalaa’ jechuun wallee haaraa hojjedhe jedha Artist Keekiyyaa Badhaadhaa.
Walleewwan qabiyyee aadaa, seenaa, jaalalaa, warraaqsa fi misoomaa of keessaa qaban hojjechuun kan beekamu Artist Keekiyyaa Badhaadhaa tibbana wallee haaraa hojjeteera.
Wallee mata dureensaa ”Dhayi Jalaa” jedhuun tibbana ajandaa ta’ee kan ture weellisaan kun erga miidiyaarraa fagaatee bubbulullee darbee darbee walleewwan akkanaa inuma gadhiisa.
Waa’ee wallee kanaafi hojiisaa waliigalaa akkasumas haala akkamii keessa akka jiru irratti Artist Keekiyyaa Badhaadhaa waliin turtii taasisneerra.
Haala siyaas-diinagee akkasumas hawaasummaa amma jiruun walleen akkasii fudhatama ni argata jettee eegdeettaa? gaaffiin jedhu BBC irraa dhihaateefii ture.
Skip Baay’ee kan dubbifame and continue reading
Baay’ee kan dubbifame
End of Baay’ee kan dubbifame
”Artistiidhaaf wallee jechuun ilmoo jechuudha. Kanaafuu akkanni bakka gaarii ga’u inuma eegna. Anis eegeen ture. Hunda caalaa ammoo Rabbitu na gargaare,” jechuun deebise Artist Keekiyyaan.
Yeroo dheeraaf qabiyyeen walleewwan Afaan Oromoo hedduun siyaasa irratti kan fuulleffatan turan.
Waggoota dhihoo as garuu walleewwan siyaasaa ykn kan mootummaa qeeqan baayyinaan hin mul’atan.
Walleedhaan quuqama uummataa mul’isuun gabaabbachaa dhufe kan jedhu an hin ilaallatu kan jedhu Artist Keekiyyaan, ”miira uummata kiyyaa dhageeffachaan deema malee ani wallee uummata kiyya hin ibsine hojjedhee hin beeku,” jedhe.
Artist Keekiyyaan mata duree wallee isaa haaraa kanaan ‘Dhayi jalaa’ wayita jedhu qaama kamiin akka ilaallatu hin ibsine.
Ammoo yeroo hunda ”an tajaajilaa uummataati, sagalee uummataati,” jedha.
”Waan faayidaa siif hin qabnerraa abdii muri jechuus ni ta’a. Gonkumaa waan siif hin taane irratti tarkaanfii fudhu jechuudha. Waan dhaabbadhe jedhee yaadu tokko akka ofirra gadi taa’u dhiibbaa uumuu jechuudha,” jedha wayita waa’ee mata duree wallee isaa kana ibsu.
Qabiyyee wallee kanaa keessaa tokko waa’ee nagaati. Rakkoo guddina Itoophiyaatti gufuu ta’e keessaa hanqinni nageenyaa isa ijoodha.
Artistoonnis wayita wallee haaraa hojjetan dhimma nagaarrattis ni xiyyeeffatu.
Artist Keekiyyaa Badhaadhaa waa’ee nagaarratti maaliif akka xiyyeefate wayita ibsu ”uummanni keenya erga nagaa dhabee fi gaddi qe’ee seentee bubbuleera,” jedha.
Jijjiiramni falmii gama hundaan, namuu waan danda’u gumaachee fide akkanni abdate akka hin taane dubbate.
Warraaqsa uummataa hanga bara 2018 jijjiirama mootummaa fiduutti ga’e keessatti ga’een artistootaa salphaa miti.
Artist Keekiyyaan artistoota wayita diddaan uummataa dhufaatii mootummaa amma aangoorra jiruuf sababa ta’e cimee turetti walleewwan warraaqsaan beekaman keessaati.
”Jijjiirama dhufe jennee abdannetu namoota jijjiiramicha fiduu keessatti guddoo gumaachan kanneen akka Artist Haacaaluu Hundeessaa nyaate. Battee Urgeessaa, Abduljabbaar, akkasumas abbootii Gadaa Karrayyuu fi hayyoota hedduu nyaate,” kan jedhu Keekiyyaan kanaaf ammas sagalee uummataa ta’ee itti fufuu akka filate dubbate.
Gama biraan erga aangootti dufanii yeroo lamaa sadi artistoota waliin kan mari’atan Ministirri Muummee Abiy Ahmad, artistoonni seenaa biyyattii jijjiiruu akka danda’an dubbatanii ammas misoomaa fi tokkummaa biyyattiirratti akka gumaachan gaafataniiru.
”Artististiin tajaajilaa uummataati” kan jedhu Keekiyyaan ”ani yoon faana uummataa hin deemne karaarraa badeera,” jedha.
”Of dhoksee dhugaa mul’isuun filadhe”
Artist Keekiyyaa Badhaadhaa erga miidiyaarraa fagaatee tureera, sirbootas akka duraatti hojjetaa hin jiru.
Eessatti badde? gaaffii jedhu wayita deebisu ”of mul’isuu hin barbaadu. Dhugaa doksee of mul’isuu caalaa hamman danda’etti ofii dhokadhee dhugaa mul’isuu naaf wayya jedheen jiraachaa jira,” jedhe.
”Akka nama biraatti qanani’ee jiraachuu jibbee miti. Haalli ani amma irra jiruufi haala an hojii itti hojjedhu Rabbi qofatu beeka.”
Artist Keekiyyaan hojiiwwan darbee darbee hojjetu kanallee rakkoo guddaa keessa darbee akka hojjetu hime.
”Ani kanin hojii hojjedhee dhufu gaafan waan ittiin hojjedhu argadhu. Yeroo ammaa kana nuti halaala teenye namoota biyya keessa jiraniin wal quunnamnee hojii hojjechuu dhiisii ijoolleen biyya keessa jiranillee hojii hojjechuun itti cimeera.”
Qaala’iinsi biyyattii keessatti hammaate aartiirrattis dhiibbaa guddaa uumeera.
”Yeroo baayyee baajata waanan hin arganneefi tumsa waanan hin qabneef hanga namni quuqamu na bira hin dhaabbannetti ani kophaa koo sochoosuu hin danda’u,” jedhe.
”Ani kanin qabu ogummaadha. Walaloo barreessuu, yeedaloo qopheessuudha. Yaada uummanni kiyya gumgumu aartiitti jijjiiruudha. Ani abbaa qabeenyaa hin taane. Baajatan waan kana ittiin sochoosu yeroon dhabun tura.”
Artist Keekiyyaa Badhaadhaa aartii guddisuuf tumsi jiraachuu akka qabu gaafate, kana keessatti yoo tumsa argate gara fuulduraatti hojiiwwan hedduu hojjechuuf karoora akka qabus ibse.
Walleewwan wayita hojjetu irra jireessaan walaloo fi yeedaloo ofumaa akka qopheessu dubbate Artist Keekiyyaan.
”Wallee kanan hojjedhu qofa miti. Artistoota hedduu bira ashaaraan kiyya jira. Hojii hedduu namaaf kenneera. Ijoolleen ittiin beekamanis jiru. Kan ganaa ba’us ni jira.”
”Ergan manaa ba’ee maatii kiyya quba hin qabu”
Itoophiyaa keessatti mootummoota dhufanii darban keessatti artistootaafi gaazexeessitoota hidhuun kan baratamedha.
Artistoota bara TPLF olaantummaan biyya bulchaa ture keessa as ba’an keessaa tokko kan ta’e Artist Keekiyyaa Badhaadhaa sababa walleesaatti gidirfamaa akka ture ibse.
Keessattuu bara wallee isaa ‘Warri kun’ jedhu hojjetu mootummaa TPLF’n hidhamee akka ture ibse.
”Waanana mana hidhaa keessa taa’ee taajjaberraa ka’een wayitan ba’u wallee kana hojjedhe.”
Wayita bara 2018 biyyattii keessatti jijjiirami siyaasaa dhufu namoota gammadan keessaa tokko ta’uu kan dubbate Artist Keekiyyaa Badhaadhaa garuu barii jijjiiramaa sanaarraa eegalee dhiittaa mirga namoomaa raawwataa jiru dura dhaabbachuu akka murteesse hime.
”Reenfa Artist Haacaaluu Hundeessaa waliinan manaa ba’e. Ergasii hin deebine,” jedhe.
”Haacaaluun lubbuusaa takkittii uummata Oromoof aarsaa kaffale. Animmoo maatii kiyyallee, biyyan keessatti dhaladhe kanan baayyee jaalladhu dhiisee yoon ba’e rakkoo hin qabu.”
Artist Keekiyyaan erga manaa ba’ee maatiisaa argee akka hin beekne BBCtti hime.
Walleewwan mootummaa qeeqan waan hojjetuuf tarii sababa kanatti isarras ta’ee maatiisaarra rakkoon ga’uu gaafannaan akkas jedhe.
”Ana nama lubbuu kiyyarratti murteessee manaa ba’e dhiisii namni hunduu rakkoo keessa jira. Maatiin kiyyas jireenyuma Oromoon keessa jiru qooddata. Kan du’es ni du’aa, kan dhibames ni dhibamaa, kan hidhames ni hidhamaa, kan godaanes jira.”
Artist Keekiyyaan maatiisaa akka quba hin qabne ibsus, garuu maatiinsaa addatti rakkoo uummaticharraa adda kophaatti baasee waan dubbatu akka hin qabne, dubbachuus akka hin barbaanne ibse.
Miidiyaatti dhihaatee erga yaada kennuu dhiisee waggaa ja’a caaluu kan ibsu Artist Keekiyyaan gama walleetiin kanaan booda akka duraanii uummatarraa akka hin turre dubbate.
Artistiin kun yeroo ammaa haala mijataa keessa akka hin jirree fi maatiisaarraa adda ba’ee jiraachuu himus garuu eessa akka jiru ibsuurraa of qusateera.
https://abdisabaf.com/seerota-murteessaa-unhcr-baqattootaa/
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.