Fonqolcha Mangistuu H/Maariyaam irratti godhame 09,1981

Fonqolcha Mangistuu H/Maariyaam irratti godhame 09,1981, Fonqolcha kan gaggeessees Oromoo dha. Akka Fashalu kan godhees Oromoodha.

Fonqolcha Mangistuu H/Maariyaam Akka lakkoofsa Habashaatti guyyaa kana bara 1981 fonqolchi milkii hin qabne diktaateera mootummaa Abbaa irree kan ta’e Koloneel Mangistuu H/Maariyaam irratti hogganummaa Jeneraloota Dargiitiin gaggefaame.

Jeneraloonni fonqoolcha kana irratti adda durummaan hirmaatanii, gaggeessan hundi
isaanii Oromoo dha.

Jeneral Mariid Nugusee
Jeneral Abarraa Abbabaa [Abeebee]
Jeneraal Damisee Bultoo
Jeneral Hailuu G/Mika’eel turan.

Jeneralooni Oromoo kun arfan waggoota
dheeraa irraa eegalanii lafa jala iccitiin irratti
hojjachuun, biyyittii keessatti Jeneraloota aangoo bakka furtuu jiran hunda, fonqolcha
diktaateera kana gadi busuuf godhame irratti
hirmachisaniiru.

Koloneel Mangistuu H/Maariyaam Waggoota 17 aangoo irra ture keessatti, dhala namaa xinnaa,guddaa osoo hin jedhiin, jaarsa ykn jaartii osoo hin jenne, maqaa goolii diimaa
(Red terror) jedhu itti maxaansuun fixeera.Iriyoota isaa kanneen waliin Dargii hundeessa
n, irra caalaa isaanii of biraa nyaatee fixeera.

Partiin jiru ,tokkichuma ‘ አሠፓ ” jedhamu qofa. Walga’ii parlaamaa partichaa keessatti waan
Mangistuun jedhu hunda isaa; kan mormu tokkollee hin jiru.Kan mormu argamnaan battalumatti jechi ” farra uummata ” jedhu itti maxxafaamee ajjefaama.

Namooni dubbatan hundi akka gaaritti of eegaa , ” ቆረጡ ማሪያችን ጓድ ሊቀ መንበር ባሉት “
Jedhanii eegalu.

Namni tokko jala hin dubbatu. Dubbii inni godhu keessatti amma fi amma,namni harka
rukutuu qaba. Namni harka hin rukunne jiraannaan ofuma isaatii umurii isaa gabaabsuu isaati.

Mangistuun yoo kolfe miseensooni partichaa
hundi ni kolfu. Yoo inni lole namni xiis-ximbis
jedhu hin jiru. Bakka deeme hundatti nama ajjeesuudha. Waraani Kutaa Nadew (Nadew
Birged) jedhamu kan Jeneraal Tarikuu dhan
hogganamu guutummaan, guutuutti waraani
Shaiybaa barbadeesse. Mangistuu H/M
aariin Eritrea dhaqee ajajaa waraana kutaa
sanaa kan ture Jen.Tarikuu Arrafa-Ayyinee
Waraana hoogganu fuunduratti ajjeese. Jeneralooni jiran hunduu kan keenyaas
boru kanuma jechuun gadi fageenyan irratti
hojjatan. Jeneraal Tarikuu Oromoo dha.
Ajjefaamuun Jeneraal Tarikuu Jeneraloota hedduu garaa madeesse.

Caamsaa 8 bara 1981

Caamsaan 8 Koloneel Mangistuun guyyaa Meeshaa Waraanaa kadhachuuf gara biyya Jarman deemu ture. Fonqolchi diktaateera mootummaa Abbaa Irree Mangistuu H/Maariyaam gadi busuuf qindaa’e, magaalaa lama keessatti hogganummaa Jeneraloota Oromootiin gaggeeffamu bakka qabaate.
Asmaraa Keessatti Jeneraal Damisee Bultoon
Yoo gaggefaamu,Finfinnee keessatti ammoo
Jeneraal Mariid Nuguseen gaggefaama.

Sagantaan ba’e

Akka marii fii walii galtee Jeneralooni
fonqolcha kana irratti hirmaatan murteessa-
nitti Mangistuu H/Mariyam yeroo inni gara
Jarman deemuuf qarqaara daangaa ga’u,
xayyaarri humni Qilleessaa Bushoofituu irraa
ka’ee duuba deemee samii irratti xayyaarri inni
keessa jiru rukutee akka waliin gubatee
du’u ture. kuni murtii walooti. Murtiin Jeneralooni waliin murteessan kabajamuutu
irra ture.

Tarkaafii kana akka hojii irra oolchu dirqaamni
kan itti keenname, ajajaa itti-anaa humna
qilleensa biyyitti kan ture, Jeneraal Salamoon
Bagaashaa ture.
Jen. Salamoon xayyaara Mangistuu baattee
deemitu duuba deemee Osoo homaa hin godhiin dirqama ulfaataa koreen murteessee
itti keenne dhisee kan mataa isaa fudhachuun
namichi akka nagaan bahu godhe..
Jeneraal Salamoon dogogoora guddaa godhe.
Sababiin fashaluun fonqolcha kanaa inni guddaan kana ture.

Raadiyoo Asmaraa

Radioon,Asmaraa to’annoo Jeneraal Damisee
jala waan ooleef diktaateerri dhiiga lammii
Xoophiyaa karaa malees dhangalasaa ture
aangoo irraa bu’uu isaa irra dedeebi’ee ibsaa
ture. Jeneraal Damiseen, Mangistuun xayyaara
waliin gubatee akka du’eetti beeka.
Jeneralooni Finfinnee keessatti jiran, galma
Minsteera ittisaa keessatti walga’ii godhatan.
Jeneralooni walga’ii kana irratti argaman.

https://gadaamarket.com/abeebee-tufaa-araddoo-eekkaa/

https://abdisabaf.com/seerota-murteessaa-unhcr-baqattootaa/


Discover more from Book Store

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Shopping Cart