HAYYOOMA! (WISDOM)!Hayyuu fi beekaa gidduu garaagarummaa guddaa tu jira.
HAYYOOMA! (WISDOM)! Hayyuu “Hayyuu fi beekaa gidduu garaagarummaa guddaa tu jira. Hayyuun hundi beekaa dha. Beekaan hundi hayyuu miti. Hayyuu tahuuf beekumsa garagaraa fi muuxannoo yeroo dheeraa namarraa fudhata. Beekkumsi garuu waan theorytti baratan hojitti hiikanii hojii sana amala godhachuu qofa barbaachisa.
Haala kanatti
✓shammaaneen tokko beekaa dha. ✓Tumtuunis beekaa dha
✓Injiinariin tokkoos beekaa dha. Garuu jarri kun tokkolleen hayyuu miti.
Oromoon yeroo ammaa kanatti hayyuu hedduu qabaa garuu jalaa ittii fayadama kenyaa Yoo kalee hin qabu jechuu dandenyaa. Oromoo dhiisaa addunyaanuu hayyuu hin qabu jechuu dandenyaa.
Fakkeenyi hayyootaa Leo Tolstoy faa dha, Immanuel Kant faa dha. Plato faa dha. Socrates faa dha. Dubbii keenyarratti Albert Einstein beekaa dha malee hayyuu miti. Jechi hayyuu jedhu jecha afaan Ingilizitti Wisdom jedhu kan akkasuma Afaan Arabaatti Hikma(t) jedhuun tokko. Beekaan jecha afaan ingiliziin scholar jennuun kan Afaan Arabaatiin Aalima jennuun tokko.
Akkanatti hubadhaa!
***
PRINCIPLE, LAW, VS WISDOM
Seerri principle irratti tumama. ‘Principle’ ammoo dhugaa hundee kan yaadni gaariin hundi irraa maddu jechuu dha. Hawaasni tokko yeroo seera tumatu principle (dhugaa hundee/fundamental truth) hawaasichaa laallata jechuu dha. Fakkeenyaaf, yoo hawaasicha keessatti hanniti/hatuun waan haalaan badaa tahee ilaalame, seerri tumamu ilaalcha kana calaqqisa jechuu dha. Kanarraa ka’ee hatuun dhorkaa dha. Namni hate adabni isaa kana jedhee murtii dabarsa. Egaa seera akkanaa jalatti hanniti bifa hundaa, waan hundaa ni adabama jechuu dha.
Hayyummaan/wisdom beekkumsa, dandeettii ol’aantuu qabeenya dhuunfaa ta’e tokko. Murtiin hayyuu waan seerri lafa kaayee oli.
Qaallittii tokko ni hatte jedhamtee hidhamte. Hoggaa mana seeraatti dhihaatte, daabboo hatuu isii poolisiin himate. Isheenis hatuu ishee ni amante. Abbaan seeraa amanuu isii akka ragaatti fudhatee adabbii seerri kaaye kan nama hate harki haa irra muramuu jedhun adabe. Akka mirgi isii ka iyyannaa ol galfachuu kabajameefis ni hubachiise. Qaallittiinis iyyannaa galfatte. Iyyannaa isiirratti waan isii hachisiises ni ibsite. Adabbiin akka haqa hin tahinis ni ibsite. Manni murtii ol’aanaan dhimaa isii erga laale booda mana murtii ka duraatti gaddeebisee akka irra deebi’ee ilaalu ajaje. Abbaan seeraa ka duraan isii adabe, qaallittiin hatuu isii amantee jirti. An ragaa isiin ofirratti baaterratti irkadheetan waan seerri jedhuun adabe. Kanaafuu, wantin irra deebi’ee ilaalu hin jiru jedhee arihe.
Lammaffaa ol-iyyannoo galfatte. Abbaan seeraa mana murtii ol’aanaa abokaatoo siif dhaabna moo akkam? jennaan lakki ani abokaatoos nan barbaachisu. Hate. Wannin hate daabboo dha. Ka na hachisiisa beela ilmaan kiyyaa ti. Ilmaan kiyya ija tiyya duratti beelaan du’uu mannaa waanin takkaa godhee hin beekne, waanin godhuu hin feene, osoon jibbuu godhe. Dhugaa dha seera cabseetan jira. Ammoo yoo harki kiyya murame, ilmaan kiyyaaf humaa godhuu hin dandahu. Kanaafin akka dhimmii kiyya naa ilaalamu gaafadhe jetteen.
Namichi adabbii isii haquu qofa osoo hin taane, akka mootummaan lammiilee harkaqalleeyyii akka isii hundaaf dhihaana baasu ajaje. Kana qofaa miti. Akka seerri hanna adda qoqqoodee, hanna waa jibir (petty theft), hanna iddugaleeysaa ( fakkeenyaa hanna qarshii kumaa gadii), fii hanna guddoo ( hanna duroomuuf hatan) murtii kennu ajaje.
Egaa hayyummaan kana. Namichi duraa nama seeraa ti. Nama principle dhaan hojjatu. Ka boodaa hayyuu dha. Hayyuun, seerri seera. Murtiin murtii dha. Adabbiin adabbii dha hin jedhu. Dhimmii hunda Bullukkoo tokkoon hin hagoogu. Haala jiru hunda xinxaaleeti murtii isaa dabarsa. . Seera duwwaa barachuu fii beekuun qofti gehaa miti. Nama murtii jiruu namaa jijjiirtu dabarsu tahuun duratti hayyummaa horachuu nama barbaachisa.
*
GOOTA fii HAYYUU!
Afaan Oromoo keessatti jechoonni akka jechoota lameen kanaa bakka dhabe waan jiran natti hin fakkaatu. Namoonni hedduun jechoota kana yeroo itti faayidaawan nan arga. Jechoonni kun ummatoota biraa biratti haalaan qaalii dha. Jechuun yeroo hunda hin dhagehaman. Maalif? Hayyuu fii gootni takkee waan tahaniif. Jechi hayyuu jedhamu kun jecha afaan Ingiliziin “Wisdom” jennuuni. Wisdomni beekkumsaa hundaa oli. Sanii ol dandeettiin ilma namaa hin hafne. Beekkumsii isaa gadi. Namni tokko kan seenaa barate, qoratee, barsiise beekaa seenaa jedhama malee hayyuu seenaa hin jedhamu. Expert jechuullee ni dandeenya. Garuu hayyuu jechuu hin dandeenyu. Maaliif jennaan hayyummaan beekkumsa akaakuu tokkoo ol gaafata. Namni hayyummaa qabu tokko waan hedduu beeka. Hunda caalaa mala rakkoo hiikuun beeka. Waan booda dhufuuf malu tilmaamuu danda’a.
Immanuel Kant hayyummaa akka asii gadii kanatti ibse.
” Science is organized knowledge. Wisdom is organized life.” Saayinsiin bekkumsa gurmaaye. Hayyummaan jiruu gurmoofte jedha.
Kanaaf hayyummaan beekkumsaa oli jenna. Yeroo ammaa kana keessatti addunyaan guutuun hayyoota muraasa qabdi. Isaan keessaa tokko Dalai Lama ti. Arrallee beekkumsa hayyoonni dur nuuf dhiisanitti fayyadamnee jiraachaa jirra.
Gootummaan hoo maali?
Gootummaanis jagnummaa oli. Dhugaa namni tokko goota tahuuf dura jagna tahuu isa barbaachisa. Garuu jagna tahuuf goota tahuu si hin barbaachisu. Jagna/jeeyna jechuun nama sodaa hin qabne jechuu dha. Goota jechuun garuu nama wanni jiraatuuf kaayyoo jireenya isaa moohuu caalu jechuu dha. Someone whose life purpose is greater than his own narrow personal goal. Namni guyyaa tokko waan nuti dhagahuu barbaannu dubbate hundi goota miti.
*
Hayyuu hayyuu goota goota jechuu kana xiqqeessaa mee. Hanga qabsoon galma gehutti hayyuu fii doofaa; goota fii luuyna adda baafachuun nama dhiba.
Ammallee Oromoon hayyuu fii goota hin qabu. Beekaa ni qaba. Jagna ni qaba. Hayyuu (wisdom) fii beekaa(expert) jidduu garaagarummaa guddaatu jira. Goota (hero) fii jagna (brave) jidduus garaagarummaatu jira.
Dur gaafa warri Israa’el taa’anii masayaa ( massiah) ykn nama Rabbirraa ergamee isaan bilisoomsu eeggachuu turan, ilma dhalate hunda asxaa warri waa laalu himan irra barbaadus turan. Warri kitaabaa/waa laalu yoom akka dhalatu, asxaaleen/mallattooleen isaa maal akka tahan dursanii himan. Daa’ima asxaalee san qabu masaayaa jedhanii guddisan. Hoggaa mucaan guddatee bakka isaan eegan hanqate, ka biraa barbaadu. Osoo haala kanatti nama isaan bilisoomsu eeganii dhaloonni meeqa dhufee dabra. Humni guddaan isaanuma keessa akka jiru hubachuu hin dandeenye.
Humni guddaan ummata tokkoomee, gurmaawee, dammaqee, baratee, hidhate harka jira malee nama tokko harka hin jiru. Alas hin jiru. Warri ala deeme, gaafa ala deeman filannoo isaanii ifa godhan. An gaafa hiriyoonni kiyya na biraa gaara deeman, ani ala deemeetiin waaniin dandehu hundaan isin deeggaraa isin deemaa lolaa jedheetiin gaggeesse. Warri ala jiraatu waan gumaachuu dandehuutu jira. Hojii diplomacy fi advocacy hojjachuu dandeha. Qabeenyaan deeggaruu dandeha. Sagalee tahuu dandeha. Odeeffannoo daddabarsuu dandeha. Beekkumsaa isaatiin gargaaruu dandeha. Garuu, ala taa’ee qabsoo hoogganuu hin dandehu.
Egaa goota fii hayyuu ofuma keessaa baafadhaa. Humni keessan tokkummaa keessani. Celebrity barbaaduu dhiisaa. Nama dhugaa isinitti himu hin jibbinaa. Nama sobaan isin hooqsu hin jaalatinaa. Dhugaa ofitti himaa. Of sobuu dhiisaa. Faaruu fi arrabsoollee xiqqeessaa.
*
HAYYUU!
Hiikkaa jecha kanaa nama keenyaaf ibsuuf yeroo hedduun yaale. Garuu, humaa hin tarre.
Jecha kana hiikkaan isaa afaan Ingilizitti ” Wise” taha. Inni adjective taha. Noun isaa wisdom jennaan.
Wisdom jechuun hayyummaa jechuu dha. Beekkumsa ykn ilmii miti. Beekkumsi ykn ilmiin adeemsa ykn process hayyummatti nama dhiheessu malee mataa isaatiin hayyummaa miti. Hayyummaan barumsa, muuxannoo, shaakala, dubbisuu, dhageeffachuu, fii umrii dheertuu booda dhufti. Namni hayyuu ykn wiseman jedhamu yeroo hedduu nama umriidhaan fagaate. Gaafa dagaagina Greek(Greece), namoonni filoosofaroonni umriin isaanii woggoota 40 gadii hundi barattoota turan.
✓Platon woggaa 40 itti barsiisuu eegale.
✓Aristotle woggaa 41 itti barsiisuu jalqabe.
✓Socrates woggaa 45 itti barsiisuu eegale. Kan nama dhibu, Socrates har’a hayyummaa isaatiif addunyaan hundi beektu kun guyyaa tokko ani wallaalaadhaa malee ani hayyuu dha ifin hin jenne. Kana jechuun maal jechuu dha? Namni hayyuun tokko waan beeku caalaa wanni inni hin beekne akka jiru waan beekuuf ani hayyuu dha ofiin hin jedhu. Jarri kun umrii isaanii walakkaa caalaa philosophy baratanii hanga hafeef barsiisutti dabarsan. Akkasumaan beekkumsa gehaa qabna jedhanii dubbatanii hin beekan. Beekkumsi sadarkaa qaba.
©Sadarkaa duraarratti ka jirun data jenna.
©Ka itti aanuun information/odeessa jenna.
©Kan itti aanuun knowledge jenna. ©Kan irraa oliitin wisdom jenna. Sadarkaaleen kunneen pyramid fakkaata. Jalatti baldhoo dha. Dhiphachaa dhiphachaa deemee wisdom irratti qallata. Kana jechuun hayyoonni lakkoofsaan waa xiqqo jechuu dha. Kanaan dura Oromoon hayyuu hedduu qabachaa turee sirnaa Gadaa kessaattii araa garuu dhibaa sirnaa gabromfata irraa Kan ka’ee hin qabu jechuun ni dandayamaa. Dhuguma hin qabu. Zamana keessa jirru kanatti addunyaalleen hin qabdu. Gaafni addunyaan hayyuu qabaachuu turte, gaafa namni umrii isaa guutuu barachuu fii barsiisutti dabarsaa ture. Har’a namni hojii argachuuf barata. Kanaaf hayyuun hin jiru. Kan jiru ogeeyyii dha. Jechuun warra profession tokko baratee sanitti hojjetu ykn professional jechuu dha. Warri osoo waan baratetti guyyaa tokko hin hojjatin kan Case dubbisee an hayyuu dha ofiin jedhus guute. Yoo Case dubbisuu 100 caalaa dubbifne. Case fii practice halkanii guyyaa dha. Namni digrii duraa xumure akkaataa itti hojjetu barate. Namni digrii lammaffaa xumure tokko qorannoo godhuuf of qopheesse. Namni digrii sadaffaa xumure tokko akkaataa itti baratu barate. Kana jechuun barachuu dha eegale malee hin xumurre. Yoo osoo PhDn kee hin qaqaawin ani hayyuu dha ofiin jette ati wallaalaa guddaa tahuu kee ragaa ofitti baate. Imala hayyummattin si gahu jalqabde malee hayyummaa bira hin geenyee relax godhii, mataa kee lafaan dirii dubbisi. Walumaa galatti, karaan hayyummaa ittiin argatan dheeraa fii qeeyra/tabba jechuu kiyya.” Kabajni fi galatni Ahimaduma Idirisiif naaf haa ta’uutii… Isinan jaalladha, Warri dubbistan galatoomaa!
https://s.click.aliexpress.com/e/_
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.