Jifataan Liivarpuul Diyaagoo Jootaa balaa konkolaataan du’e
Daataa qusachuuf barreeffama qofa dubbisi

Daqiiqaa 9 dura
Jifataan Liivarpuul Diyaagoo Jootaaabaasonni Ispeen irraa ba’aa jiran taphataan sarara fuulduraa Liivarpuul balaa konkolaataa isa mudateen umriisaa waggaa 28tti du’uu ibsan.
Obboleessi taphataa lammii Poorchugaal kanaa Andiree Silvaa jedhamus balaa kanaan du’eera.
Balaan konkolaataa kun Ispeen bulchiinsa Zamora jedhamtu keessatti mudate.
Taphataan umrii waggaa 26 kun kilaba Poorchugaal Penafiel jedhamuuf taphata.
Diyaagoo Jootaa jaalalleesaa waggaa dheeraaf waliin turanii fi ijoollee sadi waliin qaban waliin cidha kan godhate ji’a darbe.
Sirna gaa’elaa isaanii Waxabajjii 22 raawwatan irratti suuraa ka’an dhiheenya miidiyaa hawaasummaa isaarratti maxxanseera taphataan kun.
https://gadaamarket.com/tuuttaa-dhiirotaa-mens-sportswear/
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.