Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ta’an kitaabota kana keeysaa ballinaan argattu .
Kitaabni kun kitaaba akka ta’uuf hin turre kanan barreesse. Qajeelfamoota jireenya nama tokkoof barbaachisoo ta’an icciitiidhaan mataa koof barreessaan ture. Taa’ee taa’ee akka yaadannoo guyyaa guyyaa (diary) ttin barreesse. Akka naaf ta’uttin barreesse.
Kallattiidhaan maqaa koo waamee barreessuu mannaa lubbuu koo jedheen of waamaa ture. Jechi lubbuu koo jedhu maqaa koo bakka naaf bu’a. Malee lubbuu koo kan qaama koo keessa jirtu, kan ijaan hin argamne sana miti. Suuta suutaan barreeffamoonni ani akkanatti barreeffadhu baay’achaa dhufan.
Hammamuu yoo baay’atan garuu yaadannoo dhuunfaa koo kana hawaasaan nan ga’a jedhee hin yaadne. Hamma dhumaatti ofumaafan barreesse. Kanaan utuun jiruu hiriyyoonni koo kan baay’ee walitti dhi’aannu tokko saanduqa icciitii koo bananii dhaamsa ani ofii koo ofiif barreesse kana na jalaa dubbisan. Maqaa koos ‘Lubbuu koo’ jedhanii na moggaasan. Keessa beekettii haa dhaban aboo! Dhoksanii dhoksanii dubbisu. Dubbisanii itti gammadu.Guyyoota keessaa guyyaa tokko yaada naaf fidan. “Maal ta’a?” naan jedhan. “Maal ta’a amma yaadannoo lubbuu keef barreessite sana akka kitaabaaf ta’utti boca itti baaftee dubbiftoota keen utuu geessee?” naan jedhan—keessa beektonni koo. Nan dheekkame. Icciitii ani ofiif barreesse kana baasanii dubbisuu isaaniif gaddi natti dhaga’ame. Baay’ee erga irratti haasofnee booda dubbiin isaanii na amansiise. Jalqaba fuula hin laanneef. “Mee ittan mari’adha!” jedheen isaan biraa deeme.
Pdf dawload for free👇
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.