Tibbana agarsiisni diroonii guddaan Finfinneetti godhame, kan riikardii harkaa qabu garuu kami?May 18, 2025
Jimaata darbe Ekispoo Teekinoolojii Itoophiyaa bara 2025 sababeeffachuun agarsiisni diroonii biyyattii keessatti amma dura mul’atee hin beekne agarsiifameera.Agarsiisa kanarratti dirooniiwwan 1,500 ta’an samii Finfinneerratti fakkii Itoophiyaa, Ministira Muummee Abiyyiifi barreeffamoota adda addaa agarsiisan.Sagantaan kun walta’iinsa tika biyyaalessaafi Inistitiyuutii hubannoo nam- tolchee Itoophiyaan qophaa’ee jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.Sagantaan kun dinqisiifannaas, qeeqas keessummeesseera.Dhaabbileen adda addaa biyyattiin […]