
ORMANIYAA GARA OROMIYAATTI!.
Abisiniyaa gara Itiyoophiyaatti.
“Hangafummaa keenya Afaan guutnee dubbanna”
ORMANIYAA GARA OROMIYAATTI!. Bara 1832 keessa qorataafi namni Amantaa Luudoolf Kiraap jedhamu gara gaanfa Afirikaa dhufe ture. Ergamni nama kanaa amantaa Kiristaanaa haarawaa baballisuu ta’us, beekumsaafi ogummaa barateen Afaanota gaanfa Afirikaarra jiranii fi waliin jireenya uummatichaa qorataa tureera.
Seenaa baroota durii keessaa jaarraan 19ffaa taateewwan akka kanaatiin beekamti. Biyyoonni garboomfatoo ta’aan kanneen Kolonii ofii jalatti biyyoota Afirikaa bituuf yaalan baayyeen, lolaafi qabannaa dursa maqaa qorannoofi amantaa jedhuun basaastota garana erguun waan amaleeffatame ture. Luudoolf Kiraapis ergamni dhoksaa inni qabate kana ta’uu hin oolu jedhama.
Haa ta’uu malee garuu namni kun Gaanfa Afirikaarra osoo imaluu, jaalalli saba guddaa tokkorraa isa qabate. Booranaa hanga Maccaa, Sikkoo Mandoo hanga Salalee, Harargee hanga Wallootti, asirras darbee ammoo Taanzaaniyaatii hanga Keeniyaa keessaatti adeemuun lafa Oromoo mara waliin ga’eera.
Qorannoo isaatiinis Kaartaa Oromiyaa guddittii kaasuun, Afaan Oromoottis looga /loqoda baasuun, aadaafi beekumsa sabichaa raajeffatee barreessuu danda’eera. Namni kun biyyisaa akka dachee Afirikaanotaa garboomfattuuf maqaa amantaafi qorannootiin basaasaaf dhufus, jaalalli saba Oromoo kaayyoosaa harkatti gatee akka inni xurree Biliisummaa Oromoo saaqu isa taasise.
Xalayyoota yeroo garaa garaatti gara biyya isaatti ergaa tureenis, waa’ee Gadaa, waa’ee Waaqeffannaafi waa’ee ijaarama Oromoo ajaa’ibsiifatee barreessaa tureera. “Saba guddaa Afirikaa” jechuun “Jarman warra Gurraachotaa” jedhee Oromoo jejee barreesseera.
Galmee Jechoota Afaan Oromoo fi macaafa Qulqulluus qubee laatiniin maxxansiise. Kana qofaan hin dhaabbanne, bara 1832tti lafaafi qabiyyee dachee Afaan Oromoo irratti dubbatamu kaartaan kaasee “ORMANIYA” jedhee maqaa moggaase. Xalayyoota hedduu irrattis “Ormania” jedhee barreessaa tureera. Kitaabota isaa dabalatees maxxansa biyyisaa waa’ee Oromoo ilaalchisee maxxansitu hunduu Ormania maqaa jedhu qabatanii ba’aa turan.
Ergasii as bara 1855 keessa lafti Walloo, Tuulama kaabaafi Raayyaa Asaboo humnaan weeraramuun Abisiniyaa jalatti waamamaa dhufte. Itti fufee ammoo bara 1898 ammoo weerara Minilik booda, waraanaafi gantummaa hamaa, Ormania irratti erga raawwatanii as, Ormaniyaa (biyya Oromoo) diiganii Abisiniyaa guutuutti dabalan.
Isa boodas moggaasa maqaa Abisiniyaa jedhu haquun Itiyoophiyaa maqaa jedhu fidan. Isaan dura Itiyoophiyaa maqaan jedhu maqaa hayyoota Afirikaa mudhii gadi jiran hundaa hammachuun kan ibsu ture. Itiyoophiyaan yeroo sana Jibuuutii, Sudaan, Keeniyaa, Ormania, Abisiniyaa, Taanzaaniyaafi kan biroo hundaaf, maqaa dabalataa ogeeyyiin Quubsumaa (geographics) ittiin waaman ture. /dhimma kana hubachuuf ‘Ancient Ethiopia’ jettanii map bara durii Googleirra ilaaluu dandeessu.
Yaadni koo inni ijoon waa lama. Tokko maqaan lafti Ormoo amma ittiin waamamu, “Ormiyaa” kan jedhu kun hangafa Itiyoophiyaa ta’usaati. Itiyoophiyaa maqaan jedhu uummata biyya kana qofaa kan ibsu miti. Maqaa kallattii agarsiisuufi bifa namootaa ibsu ture. Dabalatas ammoo maqaa garboomfattoonni moggaasanidha.
Ormania /Oromiyaan ammoo maqaa hangafaati. Maqaa saba Oromoo hundee kan godhateefi qabiyyee lafa Oromoo hunda ibsudha. Humna jaalala keenyaa itti agarsisuun, boojuufi tolaan maqaa namni barate jalqaba yayyabedha. Isa dura lafti Oromoo hunduu “Biyya Oromoo” jedhamee waamamus, moggaasa Luudoolf Kiraap booda Ormania, Oromiyaan argame.
Itiyoophiyaa baranee /modern Ethiopia bara 1855 as eegalte dura bara 1832 maqaan moggaafame sirriitti nu ibsa. Akkuma Taaddalaan Gammachuu dubbate, Oromiyaan naannoo miti. Oromiyaan biyya. Qoma dhiibnee seenaa waggaa kuma ja’aa akka qabnu haasa’uu dandeenya. Itiyoophiyaaf hangafa ta’uu keenyas seenaatiin mirkaneessinee dubbachuuf wanti afaan nu qabu hin jiru.
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
