SIRNA GADAA UMMATA OROMOO

SIRNA GADAA UMMATA OROMOO Sirni Gadaa bu’aa qaroomina Saba Oromooti. Ibsituu ammayyummaa, yaada bulchiinsa dimokraasii,ragaa seenaa, jiruufi jireenya Oromooti.
Kana malees, Gadaan uumaafi uumama hundaaf seera qabaachuusaafi akkasumas baroota kuma hedduuf bubbulee hardha gahusaafi bu’uura yaadrimee dimokraasii ammayyaa ta’uus akka hinoolle hayyoota heddudhaan qoratamee xiinxalameera, leellifameeras.
Gadaan Sirna dimokraasii, jiruufi jireenya Saba Oromoo kan muldhisuudha.
Dhaloonni Oromoo umurii isaanii keessatti aangoo bulchiinsa waggaa saddeetiif ykn Gadaa tokkoof fudhachuun kan ittiin Biyyaafi Ummata ofii bulchaniidha,Sirni Gadaa.
Gadaan seeroota duudhaa dimokraasii jabeessaniin kan guutameefi tokkummaa, nageenya waljaalala, guddina, gootummaa,
walabummaa dhala namaa, qaroominaafi Badhaadhinaa kan leellisu mallattoo qaroomina Saba Oromooti.
Sirni Gadaa Oromoo dhaabbilee ykn jaarmiyaalee adda addaatiin sirna gurmaa’edha.
Jaarmiyaalee Sirni Gadaa ittiin gurmaa’e keessaa kanniin ijoon:
Guddifachaa,Moggaasa Sirnoota Araaraafi Irreecha tahuu hayyoonni qorataniiru.
Hardhaaf kanniin keessaa Sirnoota Araaraa kan tahan #Sirni Gumaafi Bokkuun maal akka tahan isiin hubachisuuf yaalla.
Sirna Gadaa keessatti Sirnoonni Araaraa bakka gurguddaa 5’tti adda bahuun ilaalamuu dandahu. Isaanis: Sirna Gumaa, Bokkuu, Kallachaafi Caaccuu, Jaarsummaa fi Siinqeedha.
Akka hayyoonni seenaafi aadaa Oromoo qoratanitti Sirni Gumaafi Bokkuun Maalii?
1. Sirna Gumaa
Jechi Gumaa jedhu jecha Afaan Oromoo yoo tahu,ka’umsi isaa foon horii gosoota namni jalaa du’eefi warra ajjeeseef xixiqqaate guyyaa araraa nyaataaf hiramu yookiin kennamuudha.
Ummata Oromoo biratti lubbuu namaa balleessuu dhiisii, lubbuu bineeladaallee dabarsuun dorkaadha.
Haaluma kanaan ajjeechicha dhiiga gurraachaafi dhiiga diimaa jechuun bakka lamatti qoodu.
1.Dhiiga Gurraacha kan jedhamu ajjeessan haaloo qabatee, jala ciisuun nama kan ajjeesu yoo taheefi erga ajjeese boodas gocha hin taane qaama nama ajjeeserratti kan raawwatu yoo ta’eedha. Gochi akkasi adabbii aadaa cimaa kan hordofsisu taha.
- Dhiiga Diimaa kan jedhamu ammoo walitti bu’iinsa jireenya guyyaa guyyaa keessatti akka tasa dogongoraan ajjeechaa raawwatamuuf kan murtiin kennamuudha.
Kanneen lameen alatti,ajeechaawwan adda addaa yoo raawwatees, gara lamatti deebisuun beenyaa dhiigaa{Gumaan} ni raawwatama.
2. Bokkuu SIRNA GADAA UMMATA OROMOO
Bookuufi Abbaan Bokkuu Oromiyaafi gaggeessitoota Gadaa biratti ulfina guddaa qabu.
Bokkuun yeroo baayyee walitti bu’iinsa Ummata keessatti ka’uufi kan lubbuu namaa balleesse akkasumas duula gosoota Oromoo jidduutti godhamu tasgabeessuuf ykn lola dhaabuuf kan bahamuudha.
Gosoota Oromoo keessatti walitti bu’insi yoo kahe Abbaan Bokkuu adda ofirraa kaa’ee gara iddoo waldiddaan umame dhaquun Bokkuu isaa qabatee jidduu isaanii seenaa.
Kana booda isa tarkaanfatee kan lola kaasu yookiin eeboo darbatu hin jiru.

Kana malees, humni diinaa biyya baleessuuf yoo ka’e, Abbootiin Gadaa gosa isaanii hubannoo dhabuudhaan yoo callisan, Ummanni akka duuluufi ka’ee diina ofirra ittisuuf labsiin kan itti godhamuudha, Sirni Bokkuu.
Kanaaf yeroo ammaa kanaa silaa abbaan bokkuu nuu barbachisaa turee garuu hin jiruu waan taheef namuu dirqamaa seenaa keenyaa kessaattii barannee kanaa haa dhugomsinuu.
Galatoommaa horaa bulaa debana
https://superapp.ethiomobilemoney.et:38443/customer/help/downloadPage.html

Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
