JAARSOO_DAGAA_QALLOO
JAARSOO DAGAA QALLOO Oromoo bahaa keessaa takka guddoon Oromoo Afran Qalloo ti. ilmaan afran qalloo keessaa tokko Sadeen Dagaa ti. Noolee,Jaarsoo fi Huume. Akkuma beekamu sadeen dagaa keessaa gosti guddoon takka jaarsoo dha. Jaarsoon ummata jaarraa hedduuf daangaa ummata oromoo bahaa tiiksaa ture,ummata gootummaan oromoo keessatti beekamani dha. Gootummaa malees jaarsoon hayyummaan oromoo keessatti beekamti. “Dubbii Jaarsoon dubbate wayiitu itti hafa jattee itti hin seeniin” ja’aama. kana malees “yoo hayyummaa Jaarsoo dooynaan keessaa dhabe” mirriigni ja’u kan mirkaneessu hayyummaa jaarsoo ti.

Gooticha guddaa akka gaaraa Bakar Waaree irraa jalaqabee gootonni Oromoon afran qalloo gosti jaarsoo oromoof gumaachan tokkoof lamaa miti, manni haa lakkaawu malee lakkaawwamanii hin dhuman!!. Kaniin osoo maqaa hin kaafne bira darbuu hin barbaaanne keessaa muraasni;-
Bakar Waaree
Mullis Gadaa
Fu’aad jaarsoo
Badhaasoo mixee
Mandeela cinaksan…..
Qubsumti Gosa Jaarsoo Ona Jaarsoo ja’aamti. Onni Jaarsoo lafa amma aanaa Jaarsoo ja’aamu guutuu irraa jalqabee aanaa cinaaqsanii fi achumaan hamma magaalaa jijjiigaa dhiifamti. Lafti tun dur ona jaarsoo jechuun Oromoo keessatti beekamti.
Ardaan jilaa gosa jaarsoo dhaddacha odaa yeroo ammaa magaalaa jijjiigaa biratti argamutti taa’amaa ture. iddoon kun mootummaa wayyaanee keessa bara 1987 booda naannoo somaalee jalatti kan naanneeffame tahuus hanga ammaa ardaan jila oromoo afran qalloo kan gosa jaarsoo bakkuma kanatti waggaarraa gaggeeffamaa jira. Kun cimee itti fufuu qaba!!.
Dhaddacha Ardaa jila Jaarsoo ti seerri (heerri?) tumame beekamaan seera sadeen dagaa ykn “seera badhaasoo miixee gulantaa faaraa boruu” jechuun beekamu dha. Seenaa seera kanaa manguddoon warra jaarsoo yeroo dubbatan seerri badhaasoo miixee kun ji’a 12’tti jaarame. ji’a afur ni tumame, ji’a afur ni eybisan, ji’a afur ni abaarame ja’u.
Gosti Jaarsoo Dagaa Qalloo ibidda 6 gurguddaa ofjalaa qabdi. Hidda laatinsa birkii jahan jaarsoo akka armaan gadii kanatti manguddoon naaf oddeessite. Yoo dogoongoori jiraate naaf okkalchaa jechaa, commentiin nu sirreessaa janna.
https://gadaamarket.com/seenaa-abbichuu-abbichuu/https://husnimarket.com/buy-samsung-40-odyssey-g7-gaming-monitor-wuuhd-180hz/Jaarsoo Dagaa Qalloo jaha qaba. JAARSOO DAGAA QALLOO
1.Dhanqa
2.Dawwaaro
3.Ooga,
4.Sayyoo (Warasaay)
5.Walaabuu fi
6.Oromoodha.
1️⃣Oromoo 6 qaba.
Xiyyo
Mana Halakuu,
Haamidoo
Warra Jaarsoo
Ali
Ayyaago
2️⃣Dawwaaro 4 qaba
Heeban,
Botor
Boro fi
Dullacha
3️⃣Dhanqa 7 qaba
Arreelee,
Oborraa,
kaakoo,
Nya’aa,
Karayyu,
Mahammad fi
Yaayyaa Igguti.
4️⃣Walaabu 3 qaba
Warra Imar,
Warra Usmaan fi
Baladi.
5️⃣Sayyoo (Warasaay) 3 qaba
Oromoo,
Abbayyi fi
Buukko.
6️⃣Ooga 3 qaba.
Yaayyaa,
Itayyaa fi
Layiraa dha.
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.