
Humna Oromoofi Lola Kaabaa ‘Tooftaan Gadaa Michellee waggaa dhibba shan duraa, har’attis daawitiidha.’
Humna Oromoofi Lola Kaabaa Jaarraa 16ffaa keessa bara 1550-1558 seenaan ajaa’ibsiisaafi injifannoon addaa Oromootaan raawwatamee ture. Tooftaa lolaa Gadaan Michillee fayyadameen Gaanfi Afirikaa weerara Amantii garboomfattootaarraa oofkalteetti. Oromummaafi Oromoon dhiibbaa amantii alaatiin cabuuf laaffates, yerichatti deebi’ee ol ka’uu danda’ee ture.
1553 /1546 keessa; yerichi Oromoof yeroo hammaataa ture. Barootni nagaa darbanii, gadaan darbe ofkalus, Gadaa Michillee garuu qormaata guddaatu simate. Mootiin warra Kaabaa Galaadiyoos amantii Kiristaanummaa qabachuun weerara lafaa hamaa geggeessaa jira. Baha biiftuurraan ammoo Mootiin Sulxaanotaa Ahimad Giraany amantii Musiliimaa qabachuun baballifannaa amantaafi lafaa adeemsisaa jira. Humnoonni kun lamaan gaanfa Afirikaarratti sodaa uumaniiru. Ahimad Giraany Bahaa amma Kaabaatti imaluun Gadaa diigee, amantii fi aadaa Oromoo cabsuu amantaa ofiisaa humnaan nama fudhachiisaa jira. Galaadiyoos ammoo eenyummaafi amantaa namatti fe’aa daangaa lafasaa ittuu ballifachuun humna guddaan sochiitti jira.
Kanaan osoo jiranii lola guddaa geggeeffameen Sulxaanichi guddaan dargaggeessi hirree jabaa Ahimad Giraany harka Galaadiyoos irratti wareegame. Yaadniifi akeekni Sulxaanotaas ni fashale. Warraanni Ahimad Giraany ni bittinnaa’e. Loleen hedduunis baqatee gara Hararitti deebi’e. Galaadiyoos ammoo of ijaaruun kaabaan weerarasaa itti fufe.
Lola qaamota kana lamaanii gidduutti kan miidhame, Oromoodha. Sirni Gadaa diinota kallattii lamaanii qolachuuf humna dhabeera. Galaadiyoosis ta’e Ahimad Giraany lamaanuu diina sirna Gadaa cabsuun, amantaa Oromoo sarban turani. Kanaaf tooftaan gaariifi geggeessaan bilchaataa Gadaa barbaachiseera. Ahimad Giraany ajjeefamee waggoota sadan itti aananiif garuu Oromoon diina isa lolu Galaadiyoos qofa waan ta’eef, of ijaaruutti gad ta’e.
Ahimad Giraany ajjeefamee waggaa sadan isaatti, Hararoonni Nuur Abin Alawazar Maja hid nama jedhamu Emer jechuun moggaasaanii irra deebiin akka waraana ijaaree, kaayyoo eessumasaa Ahmad Giraany galmaan ga’uuf muuddatani. Ali Nuur Abin yeroo waraana Ahimad Giraany sanas ajajoota olaanoo waraanichaa keessaa nama tokko ture.
Alii Nuur akkuma filameen waraana bittinnaa’e deebisee ijaaruu jalqabe. Humna guddaafi meeshaa ammayyaa hidhate qopheessuun, gumaa Eessumasaa Ahimad baasuuf gaggabe. Meeshaa waraanaa Turkootaafi Arabootarraa walitti qabate. Qophee kana hunda erga taasisee boodas, akka aadaa Hararitti eebbaan karaa eegale. Galaadiyoos isa eessumasaa ajjeese, ajjeesee morma irraa kutee fidee dhufuuf waadaa galee, humni waraanaa guddaatiin Fardeeniifi lafootiin fuulasaa gara Kaaba biyyattiitti qajeelfate.
Oduun duula kanaas gurra Abbootii Gadaa seene. Gogeessa Gadaa yeroo sanaa kan ta’e, Gadaan Michellees lola kana akka carraatti itti fayyadamuuf murteesse. Abbaan Duulaa Gadaa Michillee gosa Karrayyuu Jaawwii jedhamus, dandeettii geggeessummaa ajaa’ibsiisaa agarsiisuuf ciniinnachuun mudhii hidhate.
Gareen wal waraanuuf adeeman kunniin, Galaadiiyosis ta’e gareen Sulxaanotaa lachuu diina Oromooti. Humni kun lamaanuu wal loluun, Oromootaaf carraa lakkuu taatee itti mullatte. Kanaafis Gadaan Michillee meeshaasaa qarachaa, Fardasaa leejjisaa, eeboosaa cululqsaa, gaacha fannoorraa buufachuun ajaja darbu dhaga’uuf qopha’aa ta’uu himate.
Oduu lola kanaa akkuma dhaga’een Galaadiyoosis, humna waraanaa kurfeeffachuun Goojjamirraa Shawaatti as adeeme. Lolli guddaan kun, garee Sulxaanotaa kan Ali Nuur Abin Alawazar Majahidiiniin geggeeffamuufi garee warra Kaabaa Galaadiyoos gidduutti adeemsifamudha. Kan wal lolu ammoo kaayyoo keessoo Amantaa Musiliimaafi Kiristaanaati. Gama Sulxaanota Harariin garuu gumaanis ba’uuf waadaan galameera. Kan Ahimad Giraany ajjeese Galaadiyoosiin ajjeesanii, mormasaa fidanii dhufuuf, uummatasaaniif kakuu galanii bobba’ani.
Aduun baayyeen darbanii, halkanoonnis qaari’aniiru. Yeroonis ni geesse. Dirreen lolaas ni banamte. Fardeennis loltuu lolaan ga’anii, lola daawwachuuu egalaniiru. Waraanni kun lamaan walitti dhufani. Lolli guddaan erga adeemsifamee boodas, gareen Sulxaanotaa Alii Nuur injifannoo argate. Galaadiyoosiin harkaan qabee morma irraa kute. (Akkaataa du’a Galaadiyos barreessitooonni habashaa garuu ni mormu) Loleewwan Galaadiyos ni bittinna’an. Alii Nuur injifannoo gonfachuutiin sirbaa, weeddisaa faachasaa baattachuun, gumaa eessumasaa baasee, loleewwansaa kumaatama waliin fuulasaa gara Baha biiftuutti deebifateera.
Gadaan Michillee ammoo lola kanaan gareen tokko akka moo’uufi mo’amu dursee waan tilmaameef, qaamota odeeffannoo lolaa qaqqabsiisan waraanicha waliin makee basaastuu garas ergatee ture. Odeeffannoo mo’amuu Galaadiyoos akkuma dhaga’een, diinnisaa inni tokko akka hin kaanetti cabuusaa mirkaneeffatee, diinasaa isa hafe qolachuuf of qopheesse.
Gaarreewwan Karrayyuu achi taruun, loleewwan Gadaa Michillee bakka qabataniiru. Humni guddaan warra Sulxaanotaa injifannoo Galaadiyoos irratti a
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
