
“Qabsoo kana dhalootan naaf gahaa” Baqqalaa Dawwaanoon abbaasaa Baraanbaraas .Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi dawwaanoo Heebanoo fi haadha isaa aadde Ayyaanee Cabsii irraa bara 1952 godina Arsii Lixaa, aanaa Dodolaa, ganda Dannabaa, araddaa Birbirsaatti dhalate. Abbaan isaa Baraanbaraas Dawwaanoon beekaa Oromoo nama dandeettii addaa qabu ture. Dandeettii fi beekumsi isaa kunis ilaalamee filamuun bulchaa gosa torbaa (Gannaalee Awuraajjaa) ture. Mootummaan· Dargii kaayyoon isaa ganamaa beektota Oromoo fi namoota dandeettii qaban naan mormuu danda’u , jedheehttps://nizamshop.com of keessa waan bir’atuuf of jalaa fixuu ture. Baraanbaraas Dawwaanoos carraadhuma kanatu isa qaqqabe. Oromootni beektota jedhaman iccitiin guuramanii mana hidhaa Gannaalee geeffamuun hidhaman. Turtii muraasa booda garuu namoota 12 waliin rashanamuun Adoolessa, 10, 1969 boolla tokkotti biyyeen irra dacha’e. Roobalee (2015:146 max:x.Sffaa A.L.A) yoo ibsu, Dargiin aangoo mootummaa isaa akka harkaa hin baaneef sodaatee shakkiidhaan, baadiyaa fi magaalaa keessaa ijoollee abbootii lafaa, namoota mormii fi jijjiirrama siyaasaa barbaadan adamsee qabuudhaan maqaa “Duula Goolii Diimaa” jedhamuun namoota hedduu ajjeesuudhaan lubbuu isaanii balleesse.
Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
Akka ragaalee madda gara garaa irraa argamanlttf, Dargiin bara 1966 hanga 1970 (A.L.H) hayyoottan Itoophiyaa lakkoofsan gara Kuma Dhibba Shaniitti (500,000) dhihaatan gara jabinaan rasaasan walitti qabee ajjeeseera, jedhamee timaamama. Obboleettiin Baqqalaa aadde Maariyaam geemoo keessa ishee aariin guutameen imimmaan harcaasaa yoo dubbattu, “Abbaa keenya reeffa isaa fudhannee awwaaluu mitii ijaanuu arguu hin dandeenye” jetti. Guyyaa abbaashee ajjeesan kana mana isheetti iddoo araasii taatee ciistutti reebamuun ….. , “Ati galaa obboleessa keetiif geessita. Mootummaa kana diiguuf deemtu. Rasaasa abbaa keetiin ajjeesne kaffali” jedhamtee dararaa argaa turte. Du’a abbaashees namootarraa ‘½kka.na godhanii ajjeesan” yoo jedhan dhageesse malee gad baatee ilaaluuf isheenis akkuma abbaashee akka taatu beekti ture .. Ilmi Baraanbaraas Dawwaanoo, Baqqalaan yeroo abbaan isaa Gannaaleetti hidhamee ture, Gannaalee cabsuun abbaasaa baasuuf obboleewwan isaa Saatanaa fa’i waliin yaalaa ture. Maariyaam obboleettiin isaa yeroo galaa ergituufitti xalayaa isheef barreesseen, Waraana Sumaalee Biiltuu waliin walitti dabalamee kan jiru, Gannaalee cabsee abbaasaa baasuuf yeroo dhihoon akka hafee turetti naaf dhaame jettee dubbatti. Abbaan isaanii “Harka hin kennadhu” jedhee waan dideef , waraanan qabamee hidhaa Gannaaleetti darbatame. Maatiin isaaniis halkanii guyyaa dararaan itti hammaannan gargar bibittinnaa’an. Qe’een kabajaa, qe’een nama guddaas ona taatee mujjaa ofirratti biqilchite. Haati Baqqalaa aadde Ayyaanee Cabsiis dararaa nuffitee qe’ee isheerraa asii fi achi raafamaa turte. Dararaan mootummoota darbanii dabaree itti wal furee, dargiin abbaa manaashee ajjeese. Wayyaaneen ammoo ilma ishee Baqqalaa fuudhee fuula duraa dhokse.
Haati dhiiraa gooticha miixattee deesse dhabde
. Erga ilmashee Onkololeessa 1985 harkatti galfatanii kana buutee dhabamsiisanii as “Ilmi kiyya naaf gala moo ni hafa? Miixadhee ciniinsuun daheen dhabee? Du’ees baree hirmii koo baafadhee garaa koo hin kutanne. Jiraatees ijaa fi seeqata ilkaansaa san hin agarre” jechaa gubachaa ijjishee boqonnaa dhoowwitee, har’a naaf galinnaa? Bor naaf galinnaa jettee osoo ala eegdu gubatuma kanaan boqotte.
Haadha gootaa! Baqqalaan gosa Hodhituuti. Balballi isaa Baddeessoodha. Obboleewwan 12 waliin dhalatee kuuwwan qabsoodhumarratti jalaa dhuman. Dheeressaa, Maariyaam,. Saatanaa, Abraaham fi kkf oolantummaa seeraa fi mirga Oromoof falmaa dararaa cimaa argaa turan. Saatanaan lubbuu ofiis itti dhabe. Baqqalaan garuu lachuu dhabe. Ilmaan Baqqalaa haadha manaa isaa aadde Abarraash Geetachoo irraa horate, Reegan, Ida’oo, Roobduu, Abdiisaa fi Firoomsaan barbaacha abbaasaaniif manaa ba’an hanga har’aa faanni miila isaanii hin qoorre. Dararaa.dhuma wayyaanee dadhabanii baay’een isaanii yeroo ammaa baqatanii biyya Ameerikaa jiraatu. Baqqalaan yeroo ijoollummaa isaatti maatiisaaf loon tiksaa guddate. Sirbi aadaa yeroo kana inni sirbuufi jechootni haaraan humna qaban dubbii afaan isaa keessaa bahan calaqqee gochaa fuulduree isaa sirriitti ta’ee jira jedha obboleessi isaa obbo Dheeressaa Dawwaanoon.
– Hawaasa naannoo biratti baay’ee kan leellifamuu fi eessatti ba’a jedhamee eegamaa kan tureedha. Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
Umriin isaa barumsaf yoo gahu, bara 1962 Mana Barumsaa Makaana lyyesuus sad, lffaa (Mishiinii) tti galmaa’e. Barnoota isaatti dandeettii , addaa kan qabu Baqqalaan kutaa 1-6 sadarkaa lffaa-bahaa turuun, manuma barumsaa kanatti zumure. Kutaa 7-8 Mana Barumsaa G/galeessa Dodolaatti barate. Kutaa 9-12 ammoo mana barumsaa ”- – Dodolaa Sadarkaa 2ffaatti barate. Bara 1975 qabxii gosa barnoota sadii, herreega, fiiziksii fi kemistirii fooyyeffachuun qabxii olaanaa fiduun 1976 Yuunivarsitii Finfinnee Araat Kiiloo seene. Bara 1980 Digirii Jalqabaa Barnoota Ji’oolojiin eebbifame. Ji’oota muraasa hojii mootummaatti qacararnee erga hojjatee booda gara biyya Jaarman deemuun waggaa lama baratee Digirii isaa lammataa Ji’oolojiidhpmaan fudhate. Waggaa lamaan kana booda 1983 biyya isaatti deebi’ee , gara dhumaarra qabsootti seenuun shira wayyaaneen xaxxuun falmuu eegale. “Roorroon adda bahee ummata Oromoo qofa roorressu dhaabbachuu qaba. Naafxanyaan Dargii dhiiga lammii koo· dhugaa ture. Dabaree nutti darbanii dhiitanii nu bitu. Wayyaaneenis akkasuma. Lafti isaan irra taa’anii nu fixan kun kan Oromooti; dachiin isaan irraa nyaatanii garboota isaanii nu godhatan kun kan Oromooti. Nuti Oromootni irraa riyaatnee hin quufne. Lammiin koo baay’een beela’ee jiraata. · Lafuma keenyarratti nu ajjeesu.” Jechuun falmiif manaa bahe. Miseensa ABO tti dabalamee, waliin mari’achuun tooftaa wayyaanee ittiin balleessu barbaaduu jalqabe.
Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
1984 akkuma ABO n chaartararraa dhiibamee ba’een aangoo walii qoqqoodanii Guutamaa Hawaas fi Baqqalaa Dawwaanoon g’:1-ra Baalee qajeelan. Miseensotni ABO yeroo kanaa Leencoo Lataa, Galaasaa Dilboo, Diimaa Nagahoo, Waaqoo Guutuu fi kkf hedduudha. Alaabaa ABO har’aa kanas babal’isanii dachee hunda waliin gahanii kaayyoo qabsoo Oromoo isaanii galmaan gahuu fi akka-lafa qabatu taasisuuf sochiin gochaa turan olaanaadha. Oromiyaa guutuu kakaasanii gara qabsootti fidan. Qabsoon Oromoo wayyaanee irratti taasifamee bara 2010 kufaatiif isa saaxile kunis bara sana eegale. Baqqalaan yeroo sana Guutamaa Hawaas waliin tokko ta’uurrkutaalee Baalee Dodola, Heeraro, Adaabbaa, Diinshoo, Roobee, Gobbaa, Barbarree, Gooroo, Agaarfaa, Alii, Ginniir, Gaasaraa fi kkf hunda’ keessa deemee Oromoota akka isaan mootummaa abbaa irree ‘dictator’ kanatti dammaqan sochoosaa turan.
Bara 1984 gara dhumaarra gareen Guutamaa fi Baqqalaa. Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
waraana wayyaanee 180 ta’an waliin lola cimaa baname irratti, barsiisotni qabsoo isaanii keessa turan, hedduun dhumatanii kan wayyaanees hedduun galaafataman. Guutarnaan Hoogganaa waraanaa yoo ta’u , miseensi isaas 600 ol ta’u ture. Waraanni Baqqalaas iddoo Allumaa Shifaa jedhamutti kaampii waraana Guutarnaatti walitti dabalamuun wayyaanee bahaa fi gala dhoorkan. Waraanni wayyaanees iddoo Allumaa Shifaa jedhamtu kana qabatee socho’uu dide. Baqqalaan irra caalaatti tooftaan ittiin diina adamsu odeeffannoo hawaasa isaarraa guurrachuun yoo ta’u, lafti Baalees uumamaan lolaaf mijataa ta’e baay’ee isa gargaaree ture. Keessumattuu iddoo dhalootasaa kan ta’e, lafti golbaa fi leeshoo gamaa gamana jedhamu gaarri fi bosonni daggalaa baay’ee isa deeggaree ture. Boodarra wayyaaneen sochii uummata Baalee fi waraana ABO gadii gara oliitti qulqulleessaa deemuuf jecha karaa daangaa Sumaaleen, gara Ginniiriin waraana konkolaataa hedduu ergite.
Dubbiin tunis Guutamaa fi Baqqalaa gurra buute. “Marfamtanii jirtuu maal godhii garraa teessu?Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
Maal gootu achii diinni sin marsee jiraa” kan jettu ummata Baalee irraa dhaamsi dhaamamteef, Akkuma kana dhagahaniin Guutamaa fi Baqqalaanis waraana isaanii fudhatanii , waraana wayyaanee san of jalaa cabsanii…….. gara Sumaalee ce’uuf itti qajeelan. Yaa ta’u malee, karaa xinnoo erga adeemanii booda wal mari’achuun Guutamaan Baqqalaadhaan “Ati ol deebi’ii karaa Keeniyaatiin ba’i. Milkooftee baatus, duutus ati gara Keeniyaan yaali. Anis karaa Sumaaleen yaala. Du’us, jiraadhus nagaatti,” jedheenii fuula marartee fi xiiqii qabatee giimiin keessaa ol boba’uun wal gaggeessan. Yeroo dhumaatiif adda bahuun isaaniis kana turte. Waraanni garee lamaanis yeroo dhumaaf gargar bahuuf dirqame. Imimmaan wal irraa haqaa “Yoo lubbuun jiraanne wal agarra. Yoo jiraachuu dhabnes fuula mana Rabbiitti wal agarra” jedhanii fuula i dhiphuu yaadan guutamee aariin akka ibiddaa irraa laboobu fi , mararteen imimmaan haqachaa yeroo dhumaaf wal gaggeessan. Ija … •. fageeffatanii argaa yaadan yoo ilaalan yaa galaana yaadan yabaluusaa . Guutamaan Hawaas waraana isaa waliin karaa Dallootiin gara Sumaalee qajeele.
Haa ta’u malee,
kaayyoon isaas osoo galma hin gahin karaatti gufattee hafte. Kitaaba gulaaltotni Daraaraa fi Dr, Mohaammed ta’an (2008:132) yoo ibsu, Akkuma beekamus yeroo sanatti waraanni wayyaanee fi Sha’abiyaa humna isaanii walitti qindeeffachuun waraana Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf lola guddaa yeroo isaan itti banan ture. Ebla 12 bara 1994 ttis kutaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaa jedha.mu irratti waraanni wayyaanee fi Sha’abiyaa kun lola guddaa WBO irratti bananiin lola hadhaawaa guyyaa sadiif ta’e keessatti akka gootaa lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebla 14 naanno~ Barraaq’bakka Dhukkee jedhamutti lola irratti taheen diinan marfamee harka hin kennu jechuun boonbii ofitti dhoosanii jaallan isaa arfan yeroos waliin turan waliin wareegaman. Isaan keessaa namni ba’ee fi qabamellee hin turre. Guutamaa waliin yeroo kana kan wareegamte keessaa gootittiin dhalootan kutaa Shawaa turte aadde Qananiin qabsoo Oromoo keessatti WBO dhaaf wabii guddaa taatee jirti.
– Ammas gulaaltotni Daraaraa fi Mohaammed (2008:133) Qabsooftuu biroon ka obbo Guutamaa waliin wareegamte aadde Qananii jedhamti.Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
Dhalootni isii kutaa Shawaati. Dubartoota qabsoo Oromoo keessaa qooda fudhatan keessaa dubartii akkaan murannoo fi hubannoota qabsoo qabdu yoo taatu, yeroo rakkisaa ka bara 1992-4 keessa duulli wayyaanee WBO tti hammaate keessatti gara kuteennan sodaa fi bir’aa tokko malee lafoota rakkisoo diinni marsee nu eeggatu keessatti hulluuxxee garaacha diinaa seenuun WBO ta jiraachisaa turteedha. Kan Sadaffaa obbo Tasfahuun kan naannoo Dhiha Oromiyaa Wallaggatti dhalatee fi Arfaffaan, Galataa kan jedhamuu fi dhalootan Baalee ta’aniidha. Sababa Guutamaan qabsoo wayyaanee irratti finiinsefis wayyaaneen maatiisaa guutuusaa dararaa turtee jirti. Obboleettii isaa Lukkuu Roobalee bara 1989 ji’a Ramadaanaa keessa iddoo Dandee jedhamutti looniin godaantee osoo jirtu manaa fuudhanii dararaa hamaa erga irraan gahanii booda rasaasa itti lakkaa’aanii ajjeesanii biraa deeman. Namoota hedduu iddoo tokkotti ajjeesaa , kaan mana keessatti ibiddaan gubaa turan
Baqqalaan akkuma Guutamaan addas ba’ee ol garagaleen obboloota isaa fi hiriyoota isaa isa-waliin jiran, Saatanaa Dawwaanoo, Dheeressaa Dawwaanoo, Ganamoo Roobaa, Kinniisoo Soolee, Waarituu Soolee, Muhaammed Duubee, Nageessoo Gafarsoo fi kkf waliinis adda bahuuf dirqame. Waraanni wayyaanee isa marsee sochii waan dhoorkeef gara Keeniyaa ce’uuf.. , karaa isaaf mijatu tolfachuuf jecha, mana haadha buddeenaa isaa gara mana ishee qilee keessa jiru, gara araddaa Harannaa qajeele. Hiriyootni fi obboleewwan isaa harka kennatanii mana hidhaa Gobbaa galan. Obboleewwan isaa keessaa Dheeressaan waggaa 1 fi ji’a 6 hidhamuun dararaa hedduu dhamdhams. Saatanaan garuu reebichurnarraa kan ka’e, yeroo dheeraaf dhukkubsatee bara 1996 boqote.
Baqqalaan mana haadha buddeenaa isaatii gara – Keeniyaa imaluuf osoo jedhu,
hiriyootuma isaa harka kennatan keessaa tokko Goobanaa ta’ee wayyaanee irraa maallaqa nyaachuun iddoon inni jiru himame. Baroota darban hedduu keessatti mootoliin Oromoodhuma maallaqa nyaachisnii Oromootumti ofumaa dabarsanii akka wal kennan taasisaa turan. Jabana darban qofa osoo hin taane …. , hanga har’aattillee inni kun Oromoota biratti dhibee dawaa dhabeedha. Seenaa Oromoon Oromoo maallaqaa – fi faayidaalee . biroon gowwoomfamee dabarsee wal kennuu gad fageenyaan hubachuuf seenaa Minilik Oromoo Shawaa 1870 irraa kaasee itti fufee fi Oromoo Arsii 1881-188~ ilaaluun barbaachisaadha. Kitaaba kana keessattis seenaa Roobaa Buttaa keessa kan jiru fakkeenya birooti. Harkumaan harka nyaachise. Baqqalaa dawwaanoon sanyii Goobanaa kanaan himamee booda mana haadha buddeenaa isaatti ganama suphii, Onkololees,sa 14, 1985 waraana wayyaanee 100 ol ta’uun marfamee qabame. Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
Gara magaalaa Dodolaa geessanii murtii ummataa irratti fudhachiisan. Kuuwwan ni boo’u. Kaan ni aadu. Kaan mar’imaan guduunfatanii keessa isaanitti c boo’u. Warri diinaa ammoo keessi isaanii gammadaa simatan. Ummata fuulduratti baasanii “Murtii kennaa; jedhaniin. Harki caalu “Yaa hidhamu” jedhan. Gad nuuf yaa lakkifamu yoo jedhan isaanis akka itti dabalaman waan beekaniif. Naafxanyootni fi Wayyaaneen ammoo “Yaa rashanamu” jedhanii iyyan.Jarris Dodolaa fuudhanii gara Gobbaatti dabarsan. Gobbaatti ji’a 3 erga hidhanii booda iddoo obboleewwan isaa jiran kutaa leenjii Agaarfaatti jijjiiran. “Ji’a 6 f Agaarfaa erga waliin turree nuti biraa yaasanii nu galchan” jedha obboleessi isaa hangafaa obbo Dheeressaan. Mana hidhaa keessa yeroo turetti OPDO baay’ee jibba ture. Akka sareetti isaan lakkaa’a. “Isin warra karaarra hin jirre. Maal na leenjistu? Anatu sin leenjisa guyyaadhaf malee. Isin warra yoomuu isiniif hin galle. , Garaa keessan qofa guuttadhaa. Najisoota. Warra haqa osoo argu awwaalu. Ani du’us dhalootni kitilli duubaa dhufu wabii kooti. Qeerroon ani ijaare na duuba jiru galaa fi galaana.
Seenaa kiyya duubatti dhiifadheera hin gaabbu,”Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi
jedhee gahee isaanii itti himaa ture. Yeroo isaan galma oddoo leenjii keessa jiru keessatti ummata walitti qabanii leenjisanis Baqqalaan tika waraana isaanii harkaa humnaan bahee osoo isaan “Adaraa seeraa hin bahin” jedhaniin didee ummata walitti qabame kana bira dhaqee waa’ee ABO barsiisa ture. Hawaasni jechoota afaan isaa keessaa bahu dhaggeeffatanii hin quufan. Akka Dheeressaan jedhutti jechootni isaa ummata booji’ee namootni osoo isa dhaggeeffatan afaan bananii hafu. Isaan kaan ni boo’u. Kuuwwanis mataa raasaa jireenya isaa boriif boo’u. Kuuwwan lafa ilaalanii hidhii xuu.xaa hafu ture. Waa’ee Bilisummaa barbaachaa, waa’ee sirna darbee ….. , adeemsa sirnichi dhufe itti adeemu, tarsiimoo ce’umsaa guutummaatti yeroo barsiisu barsiisummaan akka Waaqayyorraa eebban laattameefitti ilaalu. Boodarra erga obboleewwan Baqqalaa mana leenjiitii ba’anii booda wayyaaneen fu.utee kana buutee isaa dhabamsiifte. Ergasii hanga har’aatti Baqqalaa Dawwaanoon du’ee fi jiraatee isaa sinbirrilleen hin raagne. Obboleessi isaa Dheeressaan akka jedhutti namootni hidhaa wayyaanee keessa turtii dheeraa turanii ba’an shakkiin yoo dubbatan akka naannoo Tigraayitti lafa jalatti hidhamee jiruuti. Baqqalaa Dawwaanoo (1952—Jiraatefi https://gadaamarket.com/bariisoo-dukkallee-1942-1972/
Akkasumas odeeffannoo ija tokko irratti dhiibbaa geessisuun , qaama hir’uu godhanii siyaasa isaanii akka hin busheessineef dhoksan jedhu,. shakkiin ni dubbatama jechuun himu. Yeroo leenjii Agaarfaa waliin turretti “Adaraa ijoollee tiyya naaf guddisaa; ana jarri akka na hin jiraachisne beeka. Qabsoo kana dhalootan naaf gahaa. lsinuu wayyaaneen hin jiraachistuu hanga jirtan wal’aansoo irraa duubatti hin deebi’inaa” jedhee adaraa natti dhaammate jedhee sagalee mararteen dubbata Dheeressaan.
Walumaagalatti, Baqqalaa Dawwaano
Baqqalaa Dawwaanoo umrii isaa 33 tti wayyaaneen qabamee kana buuteen isaa hanga har’aatti kan dhabame yoo ta’u , obboleewwanii fi ilmaansaa “Du’u lafee isaa arginee akka hirmii baafatnu, jiraatu jiraa isaa arginee akka haara galfannu biyyi inni qabsaa’eef Oromiyaan nutti birmadhaa” Jedhu.
Waaqayyo jireenya isaaf murtii yaa kennu.
namni dubbisee jiru kaardii 50 na biraa qaba asumaan karaa komentii yaada kee barreeysi
Galatoomoomaa
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
I like this article