
Dhiimma Daangaa Oromiyaa Ilaalchiisee Daangaa keenya akkamitti bulchiina isa ilaaluu dha.
Dhiimma Daangaa Oromiyaa Harargee Dhiimma Daangaa Oromiyaa Harargee Akkamitti hogganaa turre isa ilaaluu dha. Rakkoo daangaa amma Harargee keessatti jennuu baayyee isaa Somaaleetu nutti fidee miti, rakkoo caasaan keenya akka hin taaneetti waan hin taanee hojjachaa ture dha baayyeen isaa. Tokko tokko aanaa irra taa’ee lafa dabarsee kan gurgureetu jira. Uummata akkamitti gurgura, ganda akkamitti gurgura namni? Mallatteesse kan keennefitu jira.
Waa’ee lafaa irratti dhiibee sodaa /phobia/’n Oromiyaa keessa jiru rakkoon tokko jira. Baadiyyaas deemaa, magaalaas deemaa… laftii kan jiru Oromiyaa keessa, hanqiina hoggansii Oromiyaa qabu immoo ni beeka innii kaan. Maalaqa xinnaa ittii keennee miti laaqana gaarii yoo afeeree waan baayyee akka innii gochuufii danda’uu ni beeku.
Waan meeqa hojjateefii, waan meeqa mijjeessefii. Akkas godhee akkas gochaa turee, gaafa rakkoon dhita’ee dho’uu immoo maal jedha? Mootummaan hiikuu dadhabee jedha. Mootummaan sun eenyu innii? Eerga innii mootummaa hin taane bulchaan gandaa sun, bulchaan aanaa sun,
kabineen aanaa sun mootummaa eerga hin taanee mootummaa biraatu jiraa?
Aanaa keenya keessattii fi ganda keenya keessatti dhufee rakkoo kan nurraa hiiku, yoo nutii lafa sirnaan bulfachuu dadhabne, sirnaan hogganuu dadhabne, faayidaa yerodhaaf nu xalafee nu kuffisu bira darbuu yoo dadhabne eenyutuu nu hiikuu danda’a? mootummaan hiikuu dadhabee jedhan, rakkoon akkasii ni jira caasaa keenya keessa, hamma har’aatti otuu hin hafiin. Isa ilaaluun baayyee barbaachisaa dha!Dhiimma Daangaa Oromiyaa Harargee
Haaluma akkanaa kanaan touu jiruu ji’oota september keeysa hanga guyyaa september 16 daangaa aanaalee harargee bahaa fi lixaa kanneen akka Aanaa Doobbaa , cinaksan Daaroo labuufi aanaa jaarsootti mufataa jiru waan hedduu nama gaddaisiisuudhaHumni addaa soomalee hidhate ummata soomalee bakka hin buune dararaa cimaa hawaasa irratti geeysise nama gaddisiisa
Daa’immaniifi tiiyfattoota ajjeesuun loon isaanii jalaa yaafatan .
akka bineensaa reeyfa isaanii lafarra harkisanii bosonatti gatan
Awwaalcha dhabee hafe bifuma kanaan wal fakkaatu ummata keenya harargee bara 1990 moota keeysa mootummaan naannoo oromiyaa duraanii goodinoota oromiyaa garaa garaa keeysa qubachise keeysaa kan gara wallaggaa lixaatti quba hunma shoorarkeeysitoota faannootii september 2025 keeysa lubbuun nama 30 guyyaa tokkotti darbe loon fi qabeenyi isaanii jalaa saamame. Waan nama dhukkubsu Harargee Bahaa Cinaaksanitti Liyyuu Hayliin Somaalee kaleessa sa’aa 11 irraa kaasee lola akka haaraatti Ummata keenya irratti banteen hanga ammaatti lubbuu nama 6 galaafattee jirti. Namoonni kunneen loon osoo tiiyfachaa jiranii haala nama gaddisiisuun dhuman. Erga ajjeefamaniin booda reefka isaanii bakka buuteen dhabamee gaara keeysaa walitti funaananii awwaalan. Daa’immaniin hangafee namoonni madaa’an gara nama 3 tahuus odeeffannoon hawaasa irraa arkanne ni mirkaneessa. Kaayyoon lola kanaas babal’ifannaa lafaan kan walqabatu hoggaa tahu liyyuu Hayliin meeshaa waraana gurguddaan ummata keenya irratti bantee jirti. Qaamni dhimmi kun ilaallatu warri Naannoo fi Federaalaarra jirtan dubbii tana osoo fagoo hin deemne xiyyeefannaa itti kennamuu qabu!
Baqataanii harka namaa eeggataa jiraattan dhimma kanarratti mootu.maan naannoo oromiyaas tahee federaalaa waan dubbate hin qabu ture. https://www.mameoro.com/wp-admin/post.php?post=107&action=edithttps://gadaamarket.com/balay-zallaqaa-qilxuu-koostar/Dhiimma Daangaa Oromiyaa Harargee
Odeeyfannoo biroo akka isin bira gahuuf Emeil keeyniin galmaawaa subscribe godhaa
Galatoomaa Gaaddisaa m

Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.