Dararaa Fi Dhumaatii Manneen hidhaa Wayyaanee Rakkoo fi roorroo manneetii hidhaa Dhiha Oromiyaa keessatti Oromoo irratti dalagamaa bahe hedduu dha. Onnii fi gandi keessaa Oromoon hidhamee hin dararamin hin tokko illee hin jiru. Gochi faashistummaa humna tikaa wayyaaneen manneetii hidhaa Dhiha Oromiyaa keessatti raawwatamaa ture keessaa kanneen hedduu suukanneessaa tahan keessaa tokko lama tuqnee dabruuf:
Zoonii Wallaggaa Ona Billoo Boshee ganda Guutee Shamboloo keessaa Obbo Fufaa Guddataa WBO waliin qunnamtii qabdaa sababa jedhuun loltootni Wayyaanee, nama lubbuu qabutti, bishaan danfaa itti naqanii erga affeelanii booda harka lamaan boodatti hidhanii Ebla 18 bara 1995 halkan walakkaa sa’a 12:00 bakka itti affeelanii fuudhanii bosona keessatti gatan. Barii isaa argamee mana wal’aansaa Naqamteetti geessamee erga fooyya’ee booda, eenyutu akka isaan affeelee fi sababa isaa ennaa ibsatan.”Bishaan danfaa keessa buusee kan na affeele, loltoota IHDG (ADWUI). Kanan gochaa gara jabinaa kanaaf dabarsames, waraana ABO naannoo kee keessa sosso’aa jiru gargaarta, tumsita jedhameen” jedhe. Gochi fakkaataa hanga ammaatti raawwatamaa jira. Miidhaa mana hidhaa keessatti raawwatamaa jiru kan dhala namaaf hin mallee dha. Nyaatni akka hin seenneef gochuun, beelaan wiliigamamanii akka du’an taasisu. Qoricha dhorkuudhaan akka miidhaman godhuu, uffata waan akka kopheefaa dhoowwatuu, firri akka hin gaafanne/dubbifne tolchuun, baha irraa dhihatti, yookaan kaaba irraa kibbatti, dhiha irraa giddu-galeessatti ukkaamsanii geessuun achitti Wanneen hunda irraa kutanii hiraarsu. Hidhamoota biyya sana keessa jiran keessaa harki 70 Oromoo dha. Bakka hundumaatti ammoo, gochi diinummaa raawwatamu wal fakkaataa dha. Isa kana jaaroliin Oromoo naannoo mooraa hidhaa Wayyaanee Huursoo fi Dhidhessa jiran taajjabanii jaala jaarolii bakka lamaanuu irraa qorateen dhihaate tokko akka fakkeenyaatti fudhannee haa ilaallu. Jaarsi Mahaammad yookaan Abbaa Jibriil jedhamu ganda mooraa hidhaa Huursoo cinaatti argamtu Sarkamaa jedhamtu keessaa jiraatu, bara 1993, keessa baatii 6 keessatti namootni 2000 hiraarsa adda addaatiin dhumuu fi awwaalcha dhabee bakkeetti gatamaa turuu olitti ibsamee jira. Sana irraa Oromon naannichaa lafa sana irra qotee nyaachuu hirmii dha jedhee dhiisee akka jiru Abbaa Jibriil irraa hubachuun dandaa’amee jira. Haaluma fakkaataan Dhiha Oromiyaa Baha Wallaggaatti kan argamuu mooraa Dhidheessaa, bakka leenjii waraana Dargii ture keessattis raawwatamaa ture. Baruma 1993 kana keessa yeroo Baha Oromiyaa, mooraa hidhaa Huursoo keessatti, ilmaan Oromoo 2,000 dhuman, Dhiha Oromiyaa mooraa Dhidheessaa kana keessatti ammoo Oromoo 8,000 ta’anii fi bakka bakkaa guuramanii hidhamuun darasramaa turan dhumuu jaarsi Oromoo Ona Diggaa keessa, naannoo sana jiraatu ibsuun, lafa sana irra qotanii nyaachuu lagachuu addeesse. Qotee bulaa ona Diggaa naannoo mooraa waraanaa Dhidheessaa jiraatuu fi maqaan isaa Oliiqaa jedhamu, lafa gabbataa naannoo mooraa waraanaa sana jiru dhiisanii maaliif lafa dhiqamee borqaa’e irratti akka rakkatan gaafamee oggaa deebisu: ”Lafti gabbataan illee numa jira garuu waatu keessa jira” jedhe jaala isa gaateen. Naaf hin galle maal jettani abba? Jedhee oggaa inni gaafau, “Waan siif galu mitii mucaa ko?” ittiin jedheMaali abba maaliif naaf hin galu? jedheeirra deebisee gaafannaan, “erga siif gala ta’ee maaltu na dhibe ree? ganda mooraa keessan qarqara jiru sana argitaa?” ittin jennaan, eyyeen arguu qofaa otoo hin ta’iin keessa ganda sanaa nin beeka; ganda warra gumuzi jedhee deebiseef. “Yoosoo gandi sun waggaa 9 dura ganda keenya ture” waa’ee isaa haasa’uu akka jibban himataa Obbo Oliiqaan, Waggaa 9 dura ati dhaga’uu fi dhaga’uu dhabuu kee hin beeku malee mooraa waraanaa sana keessatti namni keenya 8,000 ta’an, isin waraana Oromooti jedhamanii hidhamanii turani.
Egaa waan bara sana agarre mucaa koo uggum yaa ija arguu,uggum yaa gurra dhaga’uu jedhanii mataa qabatanii gad-taa’ani. ”Bishaan dhangala’e hin warabani maal godhu egaa? Bara sana namni keenya mooraa kanatti hidhme sun nyaata fi wal’aansa dhorkameeguddaa waan midhameef guyyaa guyyaadhaan reeffi nama keenyaa 10 ykn 20 ol tahu lafa irra harkifamee qonnaa keenya irratti gatamaa ture.Egaa kanuma micaa ko! Nutis lafa sana qonnee nyaachuun hirmii nutti tahee dhiisne.” Ittiin jedhan.ii) Miidhaa Karaa Dinagdee/Qabeenya Oromoo irra gahaa jiru1. Albudaa Oromoo saamamee gurguramaa jiruWarqee oddoo Shhaakkisoo, Yuubdoo, Najjoo fi kkfn biyyoota alaatti guuraa jiru. Egeree abdii guddina Saba Oromoo kan tahe albudaaleen Oromiyaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneen biyyoota alaatti guuramee jireenya dhuunfaa isaanii oolfataa jiran. Maatii Oromoo diigaa fi saamanii hiyyoomsaa, ofii egeree jireenya maatii isaaniif bifa adda addaan kuufataa jiran. Keessattu warqeen Oddoo Shaakkisoo fi dhagaan (marbil)/“Ibiina-barad” Daalattii shariikkummaa Mootummaa Wayyaanee fi Alaamuddiiniin garmalee baafamee biyya alaatti guuramaa jira. Platinium Yuubdoo, kan addunyaa keessatti gosti isaa akka hin argamne warri adii shariika isaanii tahan ibsaa jiran, qusii tokko malee baafamee (lommoxamee) madda galii Wayyaanee gabbisaa jira. 2. Buna, jimaa fi beeladaa Oromoo Qabeenya biyyattiin shara biyyaa alaaf gargaaramtu keessaa inni guddaan buna tahuu beekamaa dha. Bunni biyyattiin ittiin of waamtuu fi dhaadattu harki guddaan Oromiyaa keessaa omishama. Galiin isaa garuu dhufaa dabraan, meeshaa ittiin Oromoo cafaqanii bitaniif oolfamaa yoona gahe. Gama biraanis, jimaa fi beeladootni Oromoo daldaltoota Mootummaa Wayyaaneef basaasaniin gatii rakasaan qotnaan bulaa Oromoo irraa guuramanii tajaajila gita bittuu Wayyaaneef oolfamaa jira. Jimaa Oromiyaa keessaa omishamuun biyyoota ollaa ittiin gunanii adamoo ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irraa buqqifamanii jireenya baqattummaaf saaxilaniif oolchachaa jiran. Har’a galii jimaa Oromiyaa irraa argamuun, qondaalotni wayyaanee gariin jireenya qannoo jiraachaa jiran. Gama tokkoon Albuudaalee Oromiyaa qisaasanii ittiin jiraataa, gama biroon ammoo, qabeenya Oromiyaa uumaan badhaase mancaasuutti gad taa’anii jiru. Yeroo adda addaatti bifa adda addaan, bosonni Oromiyaa gubatee fi ciramee akka dhumu gochaa jiru. Bosona zoonii Baalee keetti argamu, ibidda itti shidanii akka gubatu gochuu caalaa, barattoota Oromoo, ofiin kaka’anii, duula abiddicha dhaamsuuf gaafatan illee yeroon akka hin dhaqqabne dhorkuun akka maca’u taasisan.
Yeroo biraa ammoo, bosonni Garjeedaa (ona Anfilloo) abiddaan gubanii barbadeessuu fi bineensa bosonaa Oromoo illee bakka galmaa dhorkan. Goch fakkaataan golee Oromiyaa hunda keessatti raawwatamaa ture, ittis jirama. Bosona gubatu kanneen keessaa, mukeen ijaarsa manaa fi meeshaalee ittiin jireenyaa adda addaaf gargaarantu manca’e. Mukeen ibidda tahe jedhamee itti shidame irraa hafee fi saanqaa fi hojii biroof ooluuf gahan ammoo muranii biyya Tigiraayitti fe’an. Bosonni Oromiyaa shiftoota dhoksa jechuun bakka hundaatti itti bobbaa’anii gubanii mancaasaa jiran.Oromoo keessaa warra qabeenya xiqqoo qaban manii taasifatanii itti duuluun ajjeesuu, hidhuu fi saamuun hiyyoomsuu karoora itti baafatanii irratti hojjetaa jiru. Erga gaafa murni TPLF sirna bittaa kolonii Itophiyaa dhuunfatee kaasee, duulli Oromoo qabeessa irratti raawwatamaa bahe daangaa hin qabu. Oromoo hiyyoomsanii akka inni harka isaanii kajeeluu fi gara lubbuun of jireessuu qofatti fuuleffatee, mirga sabummaa fi abbaa biyyummaa isaaf falmuu irraanfatu gochuuf tahe jedhamee itti duulama. Sababa adda addaa fi yakka asoosamaa tolchanii ittiin sab-boonaa Oromoo hidhanii akka oomishee hin jiraannee fi guddina Oromoo fi Oromiyaaf hin hojjenne hidhu, dararu, ajjeessu. Afaaniin waa’ee misoomaa weeddisaa, qabeenya dhalli Oromoo hirriba itti dhabee horate, kan ABOti, isatu si jiraachisa, isaaf hojjetta diraamaa jedhu qopheessanii ittiin qabanii saamuun hiyyoomsu. Cuunfaatti Albudaalee Oromiyaan qabdu, gama tokkoon ibiddaan gubanii fi gar-malee qisaasanii akka dhamu gochaa, gama kaaniin ammoo kan calleessan guddinaa Oromiyaaf utuu hin taane, bu’aa sadoo murnawayyaaneef oolfamaa jira. Wayyaanotni, erga gaafa biyyatti to’ataniitii kaasanii qabeenya lafa irraa fi lafa keessa jiru hundumaa ittiin of duroomsuu fi Tigraayiin misoomsuuf guurrataa jiran. Galii Oromiyaa irraa argamu gara Tigraayitti dabarsuun, Tigraayiin ittiin misoomfachuuf oolchuu irratti argamu. Kaan ammoo dantaa murna bittuu taasisuun Oromiyaa hiyyoomsaa jiru. Kanaaf, Oromoon ofii isaa fi qabeenyaa isaa dhabama irraa dandamachiisuuf sosso’uun dirqama of baraaruu ti. 3. Omisha Abaaboo Fi Miidhama Qabeenya Uumaa Fi Namaa:a) Miidhaa namoota irraan gahub) Duguuginsa taa’oo uumamaa geessisu.iii)Duula Sabboonummaa Oromoo irra jiruSabboonummaan bu’aa ofii dura kan saba ofii dursisuu dha. Saba ofiif dabarsanii of kennuun mirga isaa eegsisuuf durummaan dhaabbachuu dha. Sun dammaquu gaafata. Kan dammaqetu, mirga ummata isaaf falma. Fedhii isaa akka nam-tokkeetti guuttachuuf, dursa fedhiin saba isaatii guutamuu akka qabu hubatee sanaaf hojjeta/qabsaawa. Har’a Oromoo dammaqaatu Wayyaanee dura dhaabbatee mirga ofii fi saba Oromoof falmataa jira. Kana waan taheef, wayyaaneen, Oromoo dammaqaa tahe dhabamsiisuu irratti hojjetaa jirti. Egeree Oromoo balleessuuf, namoota Oromummaaf dursa kennan adamsitee ajjeesaa fi biyyaa baasaa jirti. Kanneen mirga Oromoon uumaan qabuuf quuqamanii fi gaafatan, sababa adda addaa itti .kutaa itti aanuuf
yaada keeysan barreeysaa .
alatoomaa horaa bulaa
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.