
Miidhaa Amantii Bara mootummaan wayyaanee kana keessa, ummatoota biyyatti irra miidhaa amantii guddaatu irra gahee jira.
Irreechaa fi Miidhaa Amantii Ta’e jedhamee, kanneen amantii Ortodoksii hordofan gidduutti garaa garummaa ofii dhalchee, bataskaana keessatti warrumtihttp://Gadaamarket.comhttp://Nizamshop.com amantii tokko hordofan dhiiga akka wal dhangalaasan taasisee jira. Kun irra deddebi’amee Gondorii fi Finfinnee keessatti kan raawwatamee dha. bara mootummich kufaatiif daddaaqamaa jiru kana keessas bifa haaraan itti jirama.Gama warra amantii Islaamaa hordofaniinis, warrumti amantii tokkicha hordofan, kan duraan biyyattii keessatti takkaa tahee hin beekne, bakka lammatti akka qoodamanii fi wakl dura dhaabbatan tolchee jira. Masgiida tokko keessatti, kan duraan hin turin “Wahabbiyyii fi Sunniitti” wal qooduun, akka wal dura dhaabbatan dabballootni wayyaanee tolchan.
Kana irraa ka’uudhaan obboleewwan lamaan masgiida tokkicha keessatti sadarkaa dhiiga wal dhangalaasuu irraan gahanii jiru. Kan duraan biyyattii keessatti, ummatni Islaamaa fi Kirsitaanatti wal qoodee amantiin wal lolee hin beekne, sababa amantiin akka ummatni wal lolu shirri adda addaa xaxamaa jira.
Dabballootni mootummaan Wayyaanee, walitti bu’iinsa amantii dhalchanii babal’isuudhaan, biyyattii keessatti wal dhabbiin amantii mata-duree ol’aanmaa akka tahuuf tahe jedhanii hojjetaa jiru. Wayyaaneen Somaaliyaa weeraruuf haala duree qopheeffachuuf jecha, biyya keessatti ummatoota amantiin walitti buusuuf dalagaa bahe. Weerarri Somaaliyaa irratti deemuuf jiru, ummatoota biyyattii fi addunyaa irratti fudhatama akka argatuuf, dabbalootni isaa ummata keessa seenanii ibidda ofii qabsiisaniitti ummata naquuf akka dalagan tolche. Sun ammoo irra guddaa deggersa mootummaa Ameerikaa biratti akka leellistoota amantii biyya keessaa fi alatti dura dhaabbachaa jirutti of fudhachiisuun, deggersa gama hundaan argachuuf shira lubbuu dhala namaa irratti hojjetamee dha.Biyya keessattis “leellistoota amantiitu biyya keenya seenanii, ummata amantiidhaan walitti buusaa jiran” kan jedhu ummatotaa gidduu facaasee, ittiin wal shakkisiisuun, ofii gidduu deemee jiraachuuf kan qindeeffamee dha.
Sanaan ummatni, miidhaa isa irra jiru irranfatee amantiin wal barbaaduu fi sanaan wal dura dhaabbachuutti akka deebi’u gochuuf. Mootummaa cubbamaa kana of irraa kaasuuf, gosaa fi amantiin
utuu wal hin qoodne, waloon ka’uu irra, obboleessii fi obboleessi, lammii fi lammiin, cunqurfamaa fi cunqurfamaan akka wal irratti ka’uuf shira xaxamee dha.
Mootummaan Wayyaanee humna leellistuu amantii of fakkeessee, Irreechaa fi Miidhaa Amantii
murna ummata keessa sosso’ee walitti buusu, ofii qindeessee bobbaasuun, ummatni bara dheeraadhaaf rakkinaa fi bal’ina waliin dhandhamaanbagaan waliin jiraataa ture, akka diinaatti wal ilaalee akka walitti duulu gochuun dhiiga wal dhangalaasisan. Dabbalootni wayyaanee dirqama kana fudhatanii bobbaafaman, Islaama biratti skeeka, kiristaana birratti ammoo Qeesii beekamaa tahanii of dheheessuun, dalagaa farrummaa isaanii ummata gidduu facaasu. Kaan isaanii ammoo, bakkoota Musliimotni arguu danda’anitti, Qur’aana ciranii gatuun, akka aariidhaan ka’anii kiristaanota irratti duulan taasisuuf hojjetaa turan.
Bifa fakkaataan, bakka kiristaanotni baay’atanittis kitaaba qulqulluu ciranii facaasuun ummata walitti buusuuf hedduu tattaafanii Baha Oromiyaatti ummatni jalaa fashalse. Kun kan magaalota Dirre-dhawaa fi Harar keessatti raawwatamee dha. Sanaan, ummatni rakkoo muutummaan kun itti fide dhiisee wal nyaachuutti akka deebi’uuf, lubbuu dhala namaan qumaara taphachuu f ittiin daldaluu kan akeekkatamee dha. Hojii farrummaa olitti tuqme kanaan ummata walitti buusuu gaafa dadhaban, Masgiidatti ibidda shidan. Oggaa Islaamotni dirmatanii ibiddicha dhaamsan, isintu gube jedhanii, guuranii mana hidhaatti naqan. Baha Oromiyaatti milkaa’uu baatus, Dhiha Oromiyaa godinaa I/A/Booraa fi Jimma keessatti haala kanaan ummata dhiiga wal dhangalaasisanii jiru. kun ji’a Fulbaanaa, bara 2006 keessa ture. walitti bu’iinsa amantii, Guyyaa ayyaana Masqalaa, bara 2006 godinaa I/A/Booraa, ona Dhidheessaatti dhalatee, gara godinaa Jimmaa, onoota Maannaa, Gommaa fi Guumaatti babal’ateen, lubbuun namoota 18 badee jira. Namootni 28 madaawanii, manneetiin 397 gubataniiru. Sababa kanaan namootni qe’ee isaanii irraa buqqa’an, 1,590 ol tahu. Gocha farrummaa kana fiixa baafachuu kan danda’an, gaafa Damaraa (Fulbaana 26, bara 2006) galgala ture.
Gaafa sana, oggaa hordoftootni amantii Kiristaanaa damaraa damaran, hordoftootni amantii Islaamaa naannichaa ammoo, sagada baatii Ramadaa irra Masgiida turan. Utuu isaan sagada sana irra jiranii, namootni muraasni gama warra Kiristaanaa goranii ummata wal nyaachisuuf Wayyaaneen hidhachiifte, Damaraan gaafasii ulaa masgiidaa irratti akka gubamu taasisan. Kanaan, walitti bu’iinsi dhalatee, ummatni bara dheeraadhaaf dhabnaan waliif liqeessee, argannaan waliin nyaatee, duunaan wal awwalaa ture, dhiiga akka wal dhangalaasuu fi lubbuu akka wal balleessu taasisan.Gama biraan ammoo duula farra shororkeessummaatti jirra jechuun, gargaarsa meeshaa fi maallaqaa ittiin kadhatu. Haala kana nijeeffachuuf, mataan Wayyaanee, Mallas Zeenaawii fi gorsituun isaa Barakat simi’oon, jalqaba ji’a Muddee, bara 2006tti Somaaliyaa waliin lola eegaluu Gaazexessitoota biyya keessaa fi alaaf ibsa kennaa turan. Barakat “Somaalotni leellistoota amantii biyya keenya keessa bobbaasaa jiru.” yaada jedhu, ibsa kennee ture.
Egaa gochi kun hundi, deggersa biyyoota dhihaa irraa argachuun ittiin ummatootni mirga uumaman qaban tikfachuuf gochaa jiran dura dhaabbachuuf kan raawwatamuu dha.
Somaaliyaa humna waranaan seenuunis dhugaa leellistoota amantii Islaamaa biyyattii seenanii jeequuf jedhan jiraatanii, sana achitti ittisuuf utuu hin taane, ABO fi qabsaawwotni Ogaaden adamsuuf akka tahe ifaa dha.
Waaqeffannaan dhorkamaa ture. Irreechaa fi Miidhaa Amantii
Bakkoota Oromoon itti jaarii bahuu fi waaqeffatu, investorsitti gurguraa jiru. Shira adda addaan akka Oromoon duudhaa qabuun hin jiraanne dhorku. Ayyaana Irreechaa Oromoon bakkatti deebifachu eegale illee, akka sirnaan hin kabajamne dura dhaabbachaa jiran. Baruma baraan Oromoo Ayyaana Irreechaaf Hora Harsadii dhaqu keessaa guuranii hidhu. Fakkeenyaaf, Ayyaana Irreechaa bara 2008 akka fedhii fi sagantaa wayyaanee jalee isheetti aanjeffachuuf yaalii ol’aanaa gochaa turanii, jabina sabboontota Oromootiin utuu itti hin milkaa’in hafan. Kana irraa aaruudhaan namoota ayyaaneffachuuf yaa’an keessaa 65 ol hidhaatti naqan.Ayyaana Irreechaa bara 2008 kana dhokuu fi akka sagantaa isaanitti geggeeffachuuf hanga guyyaa jalabultii ayyaanichaatti kan sakatta’aa ture Poolisii Oromiyaa oggaa ta’u, guyyaa ayyaanichaa garuu humna poolisii Federaalaa mootummaa wayyaaneef amanamaa tagetu sakatta’aa ture. Kun poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an irraa amataa waan hinqabneefii dha. Waltajjiin Ayyaana Irreechaa kun bara 2003tti, waltajjii irratti Waldaa Maccaa fi Tuulamaa (WMT) jalatti Koreen Aadaa fi Seenaa ijaaramte, dhaamsa lammummaa ummata Oromoof irratti dabarsaa ture, jaleen wayyaanee OPDOn, “Maqaa Waajjira Gadaa Tuulamaa fi Biiroo Aadaa fi Turizimiitiin” jedhuun qabatanii waltajjii olola siyaasaa faallaa sirnaa fi sabboonummaa Oromoo irratti ooffatan taasifatanWaltajjiin Hora Harsadii kun kan ilmaan Oromoo hundaa ti. Gulantaa waltajjii kanaa, bara 2003tti kan ijaare WMT jalatti Koree Aadaa Fi Seenaa Finfinnee Fi Barattoota Bishooftuutu dhagaa walitti guuree ijaare. yeroo san maaf “gulantaa” kana asitti tolchitan jedhanii barattoota hojjechaa turan hidhanii turan.
Ayyaana Irreechaa kana irratti, humni waraanaa mootummaa wayyaanee ulee Oromoon akka aadaatti qabatu, SHIMALA dirqiin irraa guuranii guban. Qawwee hidhatanii, Oromoo ulee akka aadaatti qabatu sodaatu.
Ofii meeshaa ammayyaa hidhatanii ittiin Oromoo doorsisaa fi ajjeessaa, Oromoo ulee hiikkachisu. Ayyaana Irreechaa kana irratti haala kana balaaleffachuu, Oromoon akkas jedhanii ibsatan:”Hoo, hee hidhataan shani dabballeen kudhani,Maal balleessee kan Shimala keenya gubani! Barruu DUUDHAA jedhamuu fi dhaamsa OROMUMMAA ummata Oromoof dabarsuuf qopheefte, ijoollee gurguraa turan irraa saamuu caalaa, hidhanii rakkisaa turan. Kanneen hundi mirga Oromoo akka fedhii fi aadaa isaatti Waaqeffachuuf qabu dura dhaabbachuu dha. Gama tokkoon akkasitti amantii inni aadaan qabu bifa adda addaan dura dhaabbachaa, gama biraan ammoo, Kiristaanummaa fi Islaamummaan walitti buusaa jiru. D
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.