Itti gaafatamaa Koree Siyaasaa ABO kan jalqabaa Badhoo Dachaasaa /Dammaksaa

Itti gaafatamaa Koree Siyaasaa ABO kan jalqabaa Badhoo Dachaasaa /Dammaksaa

Itti gaafatamaa Koree Siyaasaa ABO kan jalqabaa Badhoo Dachaasaa/Dammaksaa/.

Itti gaafatamaa koree siyaasaa Badhoo Dachaasaa qabsaawota Oromoo kanneen jiddu-gala biyyaatii bosona Harargeetti ABO’tti dabalame keeysaa nama jalqabaati. Badhoon nama joollummaarraa sabboonummaa fi gootummaa qabu. Osoo ABO’tti hin dabalamin duraas nama sabboonaa bifa adda addaatiin Oromoo dammaksaa ture.

– Badhoo Dachaasaa dandeeytii nama dammaksuu tanaan Dhaaba keeysatti Dammaksaa jechuun moggaasaniif.

Badhoon gaafa Baaroo Tumsaatii fi Leencoo Lataa faan ABO’tti dabalamuuf gara bosona Harargee imalan nama miseensa Koree jidduu tahuun isaan qeebalee hubannoo kaayoo dhaabaa laateef keeysaa nama tokko ture.

Haatahuu malee kaayoon miseensonni haarayni qabatee bosona dhaqe Badhoof ifa hin turre. Badhoon nama Jaarraa Abbaa Gadaa faa wajjiin gobeelletti gad-dhaabe waan tureef miseensota haaraya kanaas akkuma Jaarraa Abbaa Gadaatii fi Mul’is Gadaatti laaluu ture.

Garuu adeemsi jaraa kan jaallan isaarraa adda itti taheeti amala isaa gaarii san jijjiirsise. Kuniis jara booda dhufe kana jifachuu fi akka nama quurrama irraa qabuutti fuula itti jijjiruudha. Akka waahellan isaa himanitti Yeroo takka takka amala alaan-alaatiis ni fidate ja’an.

Guyyaa boodaa mufiin keeysoo tan Badhoo Dachaasaa mataa hara-baafata dhoorkite rasaa*satti jijjiiramteeti Baaroo Tumsaatti dhukaasee galaafachuu, Leencoo Lataa arihuu fi mataa lunbuu isaa balleeysutti jijjiramte. Akkaan qabsaawota buleeyyii Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa faa wajjiin turan irraa odeeyfadhetti dubbiin tun wal-muudinsa Finfinnee sanirraa dhalatte.

Kuniis

Finfinnetti namoonni boodarra bosona gobeellee dhaqee qabsotti dabalame kun Finfinnee keeysatti nuutu ABO hoggaa je’ee wal-muudee gobeelletti Jaarraa Abbaa Gadaa faa bira dhaqe. Hoggaa bosona dhaqan dhaabni hoggansa Koree guutuu qabu tahe.

Namoonni Finfinnetti wal-muudee ABO’tti dabalame kun dubbiiin akka isaan barbaadan tahuu dhabnaan dhaaba keeysatti jeequmsa kaasuuf dirqaman jechuun qabsaawonni buleeyyiin Jaarraa Abbaa Gadaa wajjiin turan naa himan. Jeequmsa kaasuu qofa osoo hin tahin dhaaba keeysa taa’anii qabsaawota keeysaa namoota Bobbaasaa Dhaabaa faa jaarrachuus irratti hojjachaa turan.

Hoggaa Shira dhaaba keeysatti dhalate kanaan Badhoo Dachaasaatii fi Baaroo Tumsaa wareegaman warri lubbuun hafe kaayoo isaanii galmaan gayuuf Jaarraa Abbaa Gadaa Baaroo Tumsaa ajjeese ja’aniiti hoggantoota Waraanaatii fi waraana keeysa olola facaasuu eegalan. Hawaasa isaanitti dhiyaatullee olola dharaa kanaan gurra duuchan.

Dubbiin as qofatti hin dhaabbanne.

Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa kan daadarkaa bara dheeraa booda ABO gad-dhaabellee lubbuu balleeysuuf haala-duree fixatan. Dubbiin tun hoggantummaa qabsoo riphee lolaa karaa nagayaatiin dhabnaan bifa fonqolchaatiin fudhachuudha. Tun tan firraa maganfatani.

Warri maqa-balleeysummaan kaayoo ofii gurgurachaa ture Eega du’a Baaroo Tumsaa akka Jaarraan harka keeysaa hin qabne addaan hawaasni addaan baafate, miseensa sammuun miidhamaatu Baaroo Tumsaa ajjeese ja’aniiti olola biraa uuman. Badhoo Dachaasaa jechuu isaaniiti.

Garuu Badhoo Dachaasaa nama fayyaa sammuu guutuu qabaachuu daran gahumsa siyaasaa qaceellotti qabaachuun hogganaa Siyaasaa ABO tahee filame. An warruma Badhoon miidhama sammuu qaba jedhu saniin sammuu isaanii fayyaa tahuu shakka. Dhara kanaatu bara dheeraaf bishingaa facaaffannu gobeensatti nu harkaa jijjiiree dharraa bahuu nu dhoorke. Qeeyroo kum lama alla-magan.

Badhoo Dachaasaa beekaa dhara hin qabnee fi goota seenaan hin daganne.

Jamal Ahmed Barreeysaa seenaa kitaaba jaarraa Abba abbaa Gadaa

Galatoomaa umrii nuuf dheeraadhaa

hiraa bulaa deebanaa

Oct. 7, 2025

http://Gadaamarket.com

http://Kiyadigital.com


Discover more from Book Store

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Shopping Cart

Discover more from Book Store

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading