
Lola daangaa Arsii Lixaa fi Sidaamaa gidduutti ta’aa ture keessatti, Dargiin ummata Sidaamaa deeggaruun. Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “)

Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “) Oromoota Shaashamannee fi naannawa ishee hedduu duguugee ture. Keessaayyuu Oromoota naannawa Bishaan Gurraachaa naannoo Shaallaa jedhamu, biratti kun beekamaadha. Wal waraanu. Wal booji’u. Loon humnaan wal harkaa fudhatu. Sidaamni ilma Oromoo tokko yoo ajjeese, Oromoonis harka kana osoo hin ba’in, hin dhiisu. Lama godheetu ajjeesuuf yaala. Bara 1983 Dargii kan biyyaa baase, dhiigni ilmaan Oromoo inni dhangalaasise itti iyyee akka ta’e dubbatama. Jeneraal Daraaroo Guyyees dluiguma ilmaan Oromoo harca’e kanatu boqonnaa fi hirriiba dhoorkalee manaa baase. Dhabamuu walqixxummaa sabaa fi sablammootaa ….. , lolaa dhiiga ilmaan Oromoo waraana Dargiin lola’etu ….. , boqonnaa dhoorkate. Mootummaan Dargii dhiiga namootaa barootasaa keessatti dhibaafataa kan ture bineensa gara jabeessa ture. Kitaaba gulaaltotni Daraaraa fi Dr.Mohaammad (2008:111) keessatti yoo ibsan, “Bara 1977 kaasee jijjiirramni dhufe kun karaa isa dura irra ture sana gad dhiisee nama ajjeesuu jalqabe. Mootummaan dargii bara kanaa i-> lqabee hamma dhumaatti dhiiga namoota danuu dhangalaase. Qe’ee danuu diige. Qabeenya W.W.W.Et.M.Y. ni saame. Mana Sagadaas ni cufe. Amantoota hidhuu fi ajjeesuu jalqabe,” Jechuun hammeenyummaa Dargii lafa kaa’u. “Nuti Oromoota. Sidaamnis, Sidaama. Nuti lachuu saba biyya kanaati. Mirga sabaa fi sablammii biyyattiitti qixa fayyadamuu qabna. Yoo ta’ellee qixatti nu araarsa malee maaliif Sidaama deeggaree Oromoota fixa? Sanyii duguugaa ilma Oromoo jedhan santu kanaa? Ahaa! Mootummootiin abbaa irree tokkooyyuu armaan dura ilmaan Oromoof hin tolle. Minilikis harmaa fi harka nu mure.
Har’allee nurraa hin dhaabattuu ? Gidirfamuun sun tanaa?” Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “)
gaaffilee jedhantu takkaa akka Waaqoo Guutuu fa’i lolee mirga ilmaan Oromoo kabachiisuu, takkaa du’ee gootota hedduutti xiiqii horee hirriibaa dammaksuun qaba jedhee onneen manaa ba’e Jeneraal Daraaroo gootichi. Tooftaa waraana ammayyaatti leenjii guddaa kan qabu, Jeneraal Daraaroon naannawa 1982 yeroo Sidaama waliin lola cimaa walitti banan olaantummaa isaan loon buburree 42 booji’ee….. qe’eetti galfate. Loon walii booji’uu fi haaloo ba’uuf ….. , wal ajjeesuun daangaa kanarratti fiilmii Rambo ta’aa dhufe. Adeemsuma kana keessa mootummaa dargiitti guyyaan dhiitee miila gara Zimbaabuwee qajeelfate. Wayyaaneenis, akkuma biyya qabateeu afaan damma dibatee odeessuu malee gaarummaan inni ilm_aan Oromoof oolee boqonnaa kenneef hin jiru. Kaayyoon mootota durii silas Oromoo balleessii yookiin hir’isii waan ta’eef.. … , innis Sidaamaa deeggaruun Oromoota irratti rasaasa roobse. Naannoo Bishaan Gurraachaatti seensa 1984 irra lola cimaa ta’een, loltootni wayyaanee konkolaataa lama guutamanii ergaman Jeneraal Daraaroo fa’iin fuulaa fuulatti walitti ba’an. Lola kana keessatti hiriyaan J/Daraaroo tokko loltuu wayyaanee keessaa tokko uleen dhahee kuffise. Erga meeshaa irraa fudhatee booda, loltoota konkolaataa lamaanii keessaa lubbuun muraasaa hafuu Jeneraal Daraaroodhumti ni dubbata. Meeshaa waraanaa fi uffata loltootaa hedduus booj’anii. … , gurmuu isaaniif kennan. Waraanni (lolli) kun tilmaaman sa’aatii 4:00 kan ture yoo ta’u, erga qabbanaa’ee boodas loltootni hafan karaatti ba’anii galuuf ennaa isaan adeeman eeggachuun Ajajaa Kumaa isaanii ajjeesuun Shugguxii isaallee irraa hiikkatanii biraa deeman.
Konkolaataa tokkos booji’uun, erga sa’aatii hedduuf waliin turanii booda Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “)
konkolaachisaa dhabanii dhiisanii akka biraa deeman hiriyaan Jeneraal Daraaroo Dhaqqaboo Shubaa haala ajaa’ibsiisan hima. Lola kanarratti meeshaa waraanaa gahaa fi uffata loltootaa gahaa argateen booda , loltootasaa qindeeffatee baruma 1984 kana keessa bosona “Urjii fi Jaamaa Cabbii” seenuun wayyaaneetti yaaddoo guddaa ta’e. Jeneraal Daraaroo Guyyeen abbaasaa Guyyee Shuushii fi haadhasaa Ayyaanee Waaqayyoo irraa bara 1945 godina Arsii Lixaa, aanaa Shaashamannee, ganda qonnaan bulaa Xaaxessa Dadeessaa jedhamutti dhalatee guddate. Obboleewwan dhiiraa 8 fi dubara 3 waliin kan dhalate J/Daraaroon yeroo sirni Hayilasillaasee badee, Dargiin dhufuuf waggaan tokko hafu naannawa 1965 bultii horatee ijoollee 16 s godhatee jira. Barnoota ammayyaas ta’ee kan biroo kan hin baranne, jechootni afaan isaatiin dubbatuu fi quuqamni eenyummaa sabasaatiif qabu ajaa’ibsiisodha. Yeroodhaaf gidduun calleensi kan bu’e ….. , bara 1985-1989 araarri yaa bu’u, Kan bosona jiranis galaniii misooma yaa hojjatan, jedhee haala mijeeffachuf labse wayyaaneen. Isaanis bosona Urjii turanii, rakkoolee hedduu, beela, dheebuu, daara dhamdhamanii waggaa 4 tti 1989 ummatni hedduun galee jennaan gara qe’ee ofii galan. Jeneraal Daraaroon ajajaa olaanaa yoo ta’u, hiriyaan isaa dandeettii loltummaa addaa kan qabu, gootni Dhaqqaboo Shubaa jedhamu itti aanaa isaa ture. Waraana garee lamatti hundeeffatanii hoogganuun Arsii Lixaatti wayyaanee shokokii dhoorkuurra darbanii kaabinoota hedduus taayitaa isaaniif yaaddoo guddaa itti ta’aa turan. Dhaqqaboo Shubaa abbaasaa yeroo kana turtuu keessa Sidaamni kan ajjeese yoo ta’u … , innis haaloo kana ba’uuf jecha, deemee ajjeesee gale. Yeroo kana murtii seeraa akka argatuuf mana seeraatti yaa dhiyaatu jedhamee ajajni kenname. Jeneraal Daraaroon garuu callisee hiriyaa isaa kanarratti hin ilaalle. “Abbaasaa Sidaamni yoo ajjeesu sidaamni murtii seeraa argatee? Haaloo abbaasaa deeffate. Dhiirti harka hin deeffannes dhalachuun isaa gatii hin qabu. Waan dhiirti godhu godhe. Waan gootni godhu godhe. Kanaaf dabarsinee hin kenninu” jechuun irratti cichee akka Dhaqqaboon hin hidhamne. dhoorke. Yaa ta’u malee, maatiin Dhaqqaboo yaaddoo dhumaatii namoota hedduu gara fuulduraa yaadda’uun ….. , Jeneraal Daraarootti mufachuun, “Isatu dhoorka,” jedhanii isa dabarsanii kennan. Kanaanis yeroo muraasaaf mana hidhaatti gale. Yeroo kamuu naannawa Arsii Lixaatti Oromoon Sidaamaa yaa ta’u, nama biroo ajjeesnan Daraarootu gorsee ajjeesise jedhamaa ture. Bara 1991 yeroo ji’a· ja’aaf mana hidhaa ture keessatti Poolisootni olaanoon yoo qoratan “Naannoo 4 keessatti Oromoo malee namni biraa akka filatamu hin barbaaddu mitii?” jedhaniinii turan. Innis deebisee gubbaarraa itti qasa’aa “Eeyyee ofii garaatti na beektanii jirtu; nan dadhabe malee silaa akkasuma. Ammas abdii hin kutu guyyaan Oromoon qofti nu bulchu ni dhufa,” jechuun sodaa isaanii akka hin qabne itti agarsiise. Sababa Dhaqqaboon nama ajjeesee harka kennachuu dideefis namootni 65 mana hidhaatti guuramanii yoo gidirfaman namni tokko ammoo ni du’e. Loon afaan beekanii hin dubbannes namni badii raawwate jedhanii magaalaa Hajjeerratti margaa fi bishaan dhoorkatamanii dhumuu gahan. Isa afaan beeku, isa miliqu qabuu dadhabnaan isa afaan hin beekne adabde Wayyaaneen. Safuu! Turtii waggaa sadii booda, maanguddoonni biyyaa kallattii jiruu walitti bahanii, hawaasa Oromoo fi Sidaamaa daangaa irra jiru kana gidduutti nagaa buusuuf qalanii, booka unanii, unachiisanii akka aadaatti walitti araarsan. Ta’us bariituu isaa ummatni Sidaamaa eeggatee ilma Oromoo waraanee ajjeese jedhama. Jeneraal Daraaroon bakka bu’aa ummataati. Nu’i osoo hin taane biyya isatu bulcha jechuun kaabinoonni wayyaanees yeroo hunda waan isa hidhaniif guyyaa tokko walga’ii guddaa bulchaa godinaatiin taasifame irratti carraa argatee waa’ee mirga ofii gaaffate.
“Maaf na naannessitu? Ani sin hin sodaanne.
Na hin tuqinaa jennaan diddanii jirtu,” jedhee aariin waan garaa isaa itti fixate. Bulchichis “Biyyi ni badaa dhiisaa …. , hin tuqinaa ….. ” jedhee qaamota isa qabuuf jedhan irraa dhoorke. Jeneraal Daraaroonis “Biyyee tanatti isin yaa dachaasuu ani isin hin dhiisu. Biyyeetti isin rara. Onnee yooqabaattan’ sa’aatii 12:00 tti mana kootti koottaa!” jedhee itti himee biraa sokke. Ta’us halkanuma san xiiqii qabachuun. waraanni wayyaanee sa’aatii Daraaroon itti beellameef jijjiirrachuun halkan keessaa sa’aatii 8:00 titti nama 12 ta’anii warra nagaa fakkaachuun “Yee warri kun” jedhaniin. J/Daraaroo: “Eenyu ati?” Loltoota Wayyaanee: “Mee gad ba’i si barbaannee” J/D: “Eenyu abbaa keetiti ati?” L/W : “Ba’i gadi” J/D: “Achumatti na eegi” Qawweesaa dhukaasaa gad ba’ee ….. , loltoota hundaa ari’e, Loltootni wayyaanees aariin ofirra deebi’anii ol iyyannoo gaaffachuun, loltoota konkolaataa sagal hiriirsisanii dhaqan. Jeneraal Daraaroon yeroo kana miilan gara gaara Cabbiitti ol adeemaa …. , duchiisa. Haala isaan itti fixuu danda’u mijeeffataa, iddoo qabachuuf jalaa imala. Akka aadaa gootota Arsiitti hanga haala mijeeffatanitti sobanii diina duchiisu. Tokko dhukaasaa … , jalaa hiiqaa … , tokko dhukaasaa …. , naasisaa … , duchiisaa haala aanjeffatu. Gaara Cabbiitti ol ba’ee erga iddoo qabatee booda loltootni wayyaanees itti marsanii “Harka kennadhu” jedhaniin. “Rabbittin malee isinittin harka kennadhaa, ?” jedhee deebiseef. Loltootni konkolaataa sagal gubbaa jiran hunduu bu’anii “Qabii” itti marsan. Qabii jechuun ammas akka Oromoo Arsiitti tooftaa nama tokko gidduutti galfatanii ittiin qabataniidha. Inni tokko garanaan yoo gore, inni biroo kallattii biraan gora. Akkasittiin kallattii hundaan itti marsanii , gidduutti galfatanii nama barbaadan san qabatu. Haala kanaan qabii itti marsanii itti dhukaasuu eegalan. Jeneraal Daraaroon garuu sodaa tokko malee fuula keessa itti dhukaasaa, itti adeemaa garmalee baay’achuu isaanii fi ko’oommachuusaa barraan
karaa saaqqatee kallattii ba’uun argannaan ba’ee sokkee bosona Urjii lixe. Loltootni fi federaalli wayyaanees abdii kutuun gara magaalaa xinnoo, naannawa sanatti argamtu Burraatti deebi’uun waa’ee isaa dinqisiifachuu eegalan. Loltoota kanneen keessatti Oromootni kan argaman yoo ta’u, isaan keessaa warri quuqama osoo qaban, leetoof jecha jiraatan, “Osoo Oromoo keessa namni akkanaa 10 jiraatee Oromoon maqaa tokkoon waamama. Alagaanis hin bulu ture.” Jechuun dandeettii isaa mirkaneessuufii gootni Dhaqqaboo Shubaa har’a ni dubbata. Irra deebiin bara 1998 lola cimaan ummata Sidaamaa waliin· naannawa Shaallaa, naannoo buufata xiyyaaraatti taasifame irratti soddaan Jeneraal Daraaroo ajjeefame. Bara kana mootummaan dhiifama taasise jedhee kanneen iddoo kamuu jiran akka galan eyyamee ture. Haa ta’u malee, gareeDhaqqaboo fi Daraaroo keessaa namni 7 ajjeefamuu akka qaban itti murteessan. Kkkkk kamiree dhiifamni? Sababa du’a soddaa isaa kanaa fi murtii du’aa namoota torbarratti fudhatame kana mormuun kutannoon garee cimsatee, bosonatti lixe. Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “)
Obboleessi isaa gali jedhee kadhatus, “Ani maqaa Oromoo fi maqaa kiyya hin balleessu,” jechuun didee booreen taa’e. Hawaasni bahee, garanaa garasii lallabe. Maanguddoon labsii dabarfatee ammas seera Gadaan hawaasa Oromoo fi Sidaamaa walitti araarsan. Kanumaan Jeneraal Daraaroonis gara qe’ee o~tti galee leetoo eegale. Yeroo hawaasa keessa ture kanattis walgahii kaabineen waamtu hin dhaqu. Gibira lafaa hin gabbaru. Gaafatamus “Kan ummatarraa guurtanuu fidaa qawwee fi rasaasaan bitannaa! Lafa keenya lafa Oromiyaa kan Waaqni nuu kenne irratti gibira nu gaafattuu” jedhee deebisaaf. Akka hiriyaan isaa Dhaqqaboon himutti misooma biyyattii jibbee osoo hin taane , iccitii gibiraa wayyaanee yeroo sanaa waan beekuuf jedha. “Inni tuqaatii jibba. Hin xuqinaa. Yoo xuqame nu balleessa,” jedhanii waan sodaataniifis waa’ee gibiraas ta’ee walgahii itti hin dubbatan. Bara 2000 hanga 2008 titti haala kanaan qe’ee isaa jiraate. Haa ta’u malee, Oromiyaa keessatti keessaayyuu 2006 irraa eegalee , sababa ‘maastarpilaaniin’ lolli cimaan ka’ee babal’achaa dhufe. Gochichi garuu maastarpilaanii’ osoo hin taane wayyaaneen kan qindaa’ e, ‘pilaanii’ duguuggii ilmaan Oromoo ture. Dhiigni ilmaan Oromoo hedduus dhangala’e. Dirribii (2017:156) ‘ Onkololeessa bara 2008/2015 manni maree mootummaa naannoo Oromiyaa walgahii isaa isa calqabaa irratti labsii lakk.195/2008 mauter pilaanii magaalota Oromiyaa naannoo Finfinnee jiran bulchiinsa Finfinnee jala galchuufi magaalota Oromiyaa biroo immoo Metropolis fi Regionopolis jechuwi bakka lamatti qoodee. warra Metropolis jedhaman magaalota gurguddoo galii gurguddaa qaban akkuma kanaan dura magaalota Oromoo warra akka Finfinnee, Dirree-dawaa fi Awadaayiin seera malee Oromiyaa irraa fudhatee saamaa jiru ammas magaalota galii gurguddaa qaban kan akka Jimmaa, Adaamaa Naqamteefi kkf bulchiinsa naannoo Oromiyaa irraa · fudhatee mootummaan Federaalaa akka bulchu, magaalota xixiqqoon hafan immoo akka mootummaa Oromiyaa jalatti bulan kan jedhu baase. Barreessichi kun, mata-dureedhuma boqonnaa kanaa yoo kaa’us “Maaster Pilaanii» Master Killer” jechuun kaa’e. Haala kanaan 2008 tii eegalee ajjeechaan namootaa daran dabale. Jeneraal Daraaroonis kana ijaan argee callisuu hin filanne. Dhaqqaboo Shubaa, Korroo Ganamoo, Jeneraal Daraaroo ta’anii wal waamanii mari’atan. “Ijoolleen teenya Oromummaaf jecha qalamaan harka duwwaa ….. , Amboo, Wallaggaa, Baalee, Haramaayaa, Arsii, Jimmaa,Booranaa, Gujii, Walloo fi kkf irratti bakka hundaa dhumaa jirti. Nuti meeshaa waraanaa kan qabnu maaf hin dhumne? Maaf teenyee ilaalla?” jechuun loluu qabna jedhanii murteessanii ba’an. Kanumaan milkii qajeeli jedhanii sokkuuf yoo jedhan, maanguddoon – J/Daraaroon jaallatu, nama beekaa kan jedhamu tokko waamee “Kinniisni riphee jira. Kinniisa kana hin urgufin. Yoo tuqxan bararee biyya hiddee fixaa hin xuqin” jedheen. Daraaroonis deebisee, “Yaa hiddu.Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “) Kan du’e yaa du’u. Jalqaba bilisummaan osoo hin du’in nuti duuna. Du’an malee …. , dhiigan malee bilisummaan yoom dhufee beeka?” jechuun itti himee loon qabu gurguratee rasaasaa fi qawwee dabalataa bitatee gara bosonaa lixe.
Achiis lola cimaa gaafa 7/6/2008 Hajjeerratti baname olaantummaan xumuran.
Waraanni wayyaanee loltootuma Oromoo gara Hajjeetti ergee harkumaan harka nyaachise. Waraanni J/Daraaroofi Dhaqqaboo gaara gubbaa gamasii fi gamana qabatee riphe. Hawaasni fi maatiin Hajjee fuulduraan ba’ee ija keessa loltoota wayyaanee duchiisa. Kun tooftaa Jeneraal Daraaroon qindeesse ta’uu ni beekna jedhu korri bittinneessaa waraana sanarratti hirmaatanii lubbuun oolan. Waraanni Wayyaanees isuma fuuldura isaanitti isaan duchiisanii fi maanguddoota tooftaa lolaaf araara jedhanii dhaqan ilaaluun yaadan badan. . Kun tooftaa waraana hawaasa Hajjeeti. Tokkummaa fi kutannoon hawaasa kanaa maanguddoon, daa’imni, dargaggeessi, qeerroon osoo hin hafin tooftaa kanaan diina fixu. Sobanii duchiisaniis rasaasa fixachiisu. Guyyaa kanas kanumatu ta’e. Gareen inni gama tokkoo “Mee jalaa hin gorinaa ittisaa. Ittisaa rasaasa fixattee. Ittisaa” jedhu. Warri garee tokkoo immoo “Harkaan qabaa rasaasa fixattee. Harkaan qabaa” jechaa gidduutti galfatanii federaala fi kora bittinneessaa hedduu duguugan. Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “)Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “)
Garee isaanii keessaa garuu nama Filicaa Waariyoo jedhamu qofatu du’e. Lola kana erga milkaa’anii booda gareen J/Daraaroofi Dhaqqaboo walitti qabamuun filannoo gaggeessuun ijjannoo fuuldura isaaniis kaawwatan. 1.Jeneraal Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “) Guyyee- Hoogganaa olaanaa 2. Dhaqqaboo Shubaa- Itti aanaa Ta’uun muudamanii marii bal’aa erga gaggessanii fuuldura isaaniifis waan gochuu qaban erga teessifatanii booda bosona Urjiitti deebi’an. Wayyaaneen haala isaanii kana kan bare loltoota ciccimoo ta’an filee xiyyaara lama gara Arsii Lixaatti erge. Xiyyaara isaanii magaalaa Zuwaayitti buufatanii konkolaataa 14 fi miilan gara bosona Urjiitti qajeelan. Karaa Kaabaan konkolaataa 7 karaa Dhihaan konkolaataa 7, lafoon naannoo 300 kan ta’an halkan gara barii suphii bosona Urjiitti marsan. Jeneraal Daraaroon haala isaanii kana argee “Itti fiignee lolla,” jennaan Dhaqqaboon “Fuula ba’a hin taatu. Itti fiignee hin lollu. Tooftaan malee, jarri tun baay’eedhaa nu fixxi. Rasaasnis nu harkaa dhumattee salphanna” jechuun dhoorke. Yeroo kana loltootni wayyaanee lafti xinnoo dukkana waan ta’eef, tirikaa ibsinaan garee Jeneraal Daraaroo keessaa namootni hedduun dheechan. Namootni 12 s qabaman. Daraaroon fa’i garuu nama torba qofatti hafuun lama, lamaan addaan wal qoodanii bosona Urjii irraa gara bosona Jaamaa/ Cabbiitti iddoo jijjiirratan. Loltootni wayyaanees kan qabatan fudhatanii, kan dhaban dhiisanii .sokkan, Gareen Daraaroo namni torban garuu, bosona Jaamaa ho’ifatan. Amma hawaasnis galaa, qawwee, rasaasa fi maallaqas geessuufii eegalan Haalli isaanii kun wayyaaneetti bitaa kan gale irraa jalaa boqonnaa wal dhoorkuun bulchaa godinichaa yeroo sanaa bilbila harkasaatirraa qabu irratti itti bilbilchiisan. Bulchichis haala tasgabbiin araara fakkeessee erga gaafateen booda, “Egaa qawwee haaraas qabna. Loltootas ijoollee dccimoo qabna harka hin kennattu taanaan” jedheen. Daraaroonis deebisee, “Maal na goota ….. ? Qawwee haaraas ….. , ijoollee dccimoo kees ergi. Homaa na gochuu hin dandeessu …. ” jedhee tuffiin gootummaa isaa itti agarsiise. Wayyaanee gara kan wallaalchise, gootni kun isa qabuuf qofa, qarshii “Miliyoonni Kudhan” ramadamee ….. , osoo galma hin gahiniif akka hafe walgahii guyyaa tokko hawaasni walitti qabame irratti abbaan Alangaa tokko akka dubbates hiriyaan Dhaqqaboo ni hima. Namni fira J/Daraaroo ta’e tokkos “Gali si gahee” jedheenii jennaan, jaalala nama kanaaf qabuuf jecha, “Mee buleen abjuu ilaala” jedhaan J/Daraaroon. Bariitus bulee “Abjuun kee maal siin jetteree?” jedhee gaafate. ‘:4.ni Alaabaa Oromoo uffadheen gabaa keessa deema. Ijoollee baay’een, lafaa dhufni kunniin immoo ennaa na jala fiiganin arge” jedhee deebiseef. Hiriyaan isaas adeemsa isaa argee “Milkaa’i….” jedhee nagaa itti dhaammate. Kana booda miseensa ofii cimsatanii garee lamatti qoodamanii, qabsoo itti fufan. Sababa Irreecha irratti Fulbaana, 2009 lubbuun Oromoota hedduu shira wayyaaneen badeef xiiqiin qabamanii guyyaa 26/1/2009 gareen Jeneraal Daraaroo magaalaa Burraa irratti gad ba’an. Loltootni wayyaanee konkolaataa 5 guutanii dhaqan. Miseensota 27s ajjeesan. Jeneraal Daraaroo Guyyee {1945- “)
Loltootni wayyaanees 12 dhuman. Guyyuma kana Hajjeerratti immoo garee Dhaqqaboon hoogganamu tti loltootni wayyaanee konkolaataa 9 guutuun ergamuun , garee Dhaqqaboo jalaa miseensi 35 du’an. Kan wayyaanee immoo 38 du’an. Lola kana keessatti hawaasa guutuu waliin kan madaa’ee fi kan harki irraa cite, namoota 45 ol ta’u, jedhu maanguddoonni naannawa Hajjee yoo himan. Du’a guyyaa kanaatirraa kan hafan bosona ofiitti deebi’anii osuma jiraatan, sababuma qabsoon Oromiyaa keessatti cimee itti fufe Kanaaf, ‘koomandipoostiin’ akka biyyattiitti labsame. Xiyyeeffannaan ‘koomandipoostii’ kunis irra caalaan isaa ummatuma Oromoo yoo ta’u, saba Amaaras ni tuqa. ‘Koomandipoostiin’ yeroo san labsames garmalee hattoota wayyaaneef karaa banuu fi hundee Oromummaa / eenyummaa Oromoo/ jaamsuu ture. Sababa kanaanis hattootni wayyaanee maatii Jeneraal Daraaroo reebanii mana hidhaatti galchuun dararan. Lafas akka hin qotanne, Kan qotatanii facaafatanis akka hin haammanne dhoorkan. Loon isaa haftes qabanii mooraatti galchanii bishaani fi marga malee fixuuf ga’an. Ammas bilbila harkasaa jirurratti bilbilanii “Koottuu harka kennadhu. Maatii kees hiineerra. Loon kees dhumaa jiru,” jedhaniin. Daraaroonis deebisee, “Loon koo Maqaleetti fe’adhaa; Ana na hin argattan ….. ” jedhee sammuusaanii rukute. Kan Dhaqqaboos kanumatu mudate. Haadha manaa isaa lachuu hidhanii gidirsan. Daa’ima dukkana keessatti boochisan. Lafas akka hin qotanne; kan qotamee faca’e akka hin aramanne irraa ittisan
Jeneraal Daraaroon gidduma kana keessa dhukkubsatee ji’a Amajjii 2009 keessa yaalamuuf dhoksaan gara magaalaa Shaashamannee ueeme. Achittis dhibeen itti furuu waan hin dandeenyeef, gara magaalaa Adaamaatti imalee yaalamuu filachuun garas sokke. Haa ta’u malee, osoo hin milkaa’iin hafee basaastuun basaasamee S, 2009 qabamee, qawwee lama irraa fudhachuun gara Finfinnee mana hidhaa Maa’ikalaaWWii geeffame. Qofaa isaatti guyyoota 20 f mana hidhaa dukkanaatti hidhame. Dararaa fi reebichi Maa’ikalaaWWitti sirna wayyaanee Oromoof qindaa’e tokkoosaa irraa hin hafne . Walumaagalatti waggaa tokkoo fi ji’oota muraasa hidhamuun 6/2010 tattaaffii Pireezidaantii Oromiyaa Lammaa Magarsaan, Oromiyaan gara moo’ichaatti deebiteen Maa’ikalaaWWii ba’e. Akka mana hidhaatii ba’eenis, akka ala ba’uuf haalota mijeessaniifii “Ala ba’i” jennaaniin, J/Daraaroon ‘Jtbbaan biyyaa, biyyaa hin bahu! Biyyuma isaatti falmatee yoo du’es kabajjaan du’a. Eenyuu jedheen biyyaa ba’a?” jechuun abbaa biyyummaasaa mirkaneessee, sodaa ormaa akka hin qabne agarsiise. Jeneraal Daraaroo Guyyeen goota Oromiyaa Arsii Lixaa kan ta’e, yeroo ammaa maanguddoo umrii 65 ta’uun magaalaa Shaashamanneetti jireenya isaa gaggeeffachaa jira
Seenaa goototaa dubbisuun gootuma si gooti
galatoomaa .
Dabalata
https://gadaamarket.com/dhiimma-daangaa-oromiyaa-harargee/
https://www.mameoro.com/wp-admin/post.php?post=107&action=edit
Discover more from Book Store
Subscribe to get the latest posts sent to your email.